Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Guyyaa Filannoo Boordiin Filannoo Murteesse Hin fudhannu’ Raayilaa Odiingaa


Dursaa Paartii Mormituu fi Dorgomaan filannoo pirezedaantumaa Keeniyaa Raayilaa Odiingaa Guyyaa filannoo Pirezedaantummaa biyyattii ka boordiin filannoo Keeniyaa Kaaye hin fudhadhu jedhan. Boordiin Filannoo biyyattii kaleessa akka beeksisetti, Guyyaan filannoo pirezedaantummaa keeniyaa Onkoloolessa dhufu gaafa bultii 17, bara 2017 gaggeeffamuuf akka jiru himeera. Miister Odiingaan garuuu boordiin filannoo kuni yeroo guyyaa filannoo kana kaawu nuun hin mariyanne jechuun mormaniiru.

Ibsa Boordiin filannoo Keeniyaa kaleessa baaseen Filannoon pirezedaantummaa biyyattii irra deebi’amuuuf jiru Onkoloolessa 17, bara 2017 akka gaggeeffamu himamee ti ture. Murtee kana ilaalchisuun harra Dursaan Paartii Mormituu fi Dorgomaan Filannoo prirezedaantummaa Keeniyaa Raayilaa Odiingaa, guyyaa kenname kana mormaniiru. Raayilaan harra ibsa laataniin, Boordiin filannoo Keeniyaa yoo guyyaa filannoo kana kaawu, silaa akka seeraan kaayametti nuun hin mariyannee jedhan. Kanaaf haala jiruun utuu waanti tokko hin fooyya’in yoo ammas filannoon kuni deebi’ee ta’a ta’e akka filannocha tasumaa irratti hirmaachuu dhiisan beeksisan. ‘Boordiin Filannoo kuni, yoo guyyaa filannoo kana lafa kaawu, abbootii dhimmaa murteen kuni isaan ilaallatuu waliin hin mariyanne. Murteen Kuni haga seera biyyattii tuffachuuti. Maaliifii, kanaan dura akka Boordichi kakuu nuyii fi Paartii Juubiliif’ illee galetti, murtee nu ilaallatu hundumaa akka nuun mariyatu nutti himee ture. Kunis Guyyaa filannoo murteessuu qofaayyuu utuu hin tahin, filannoodhumti kuniyyuu akkamitti gaggeeffamuu akka qabu waan jedhu of keessaallee qaba. Egaa kuni hundumtuu osoo hin raawwatin, kaleessa Miister Maatiyaang’I haala barattootaa sababa keessa galchuudhaan akka filannoon kuni Onkoloolessa 17 asitti, geggeeffamuu jedhanii dubbatan, kana jechuun murteen kuni akkasitti akka murtaawu kan godhe Paartii Juubiliiti malee boordii filannoo biyyattii miti’ jedhan Raayilaan. Gaggeessaan dhimma Keessoo Keeniyaa Proofeeser Freed Maatiyaaang’ii filannoon kuni qormaata barattootaa Onkoloolessa keessa gaggeeffamuuf jedhu faana akka walirra hin buuneefi kan isaan boordiin filannoo Keeniyaa akka filannoo lafaa deemuuf jiru Walakkaa Onkoloolessaatti gaggeeffamu gaafatan. Raayilaan garuu dubbii isaanii harraatiin filannoon kuni gaggeeffamuuf waantonni sirratuu qaban utuu hin sirratin filannoon gaggeeffamu hin jiru jedhan, kan isaan akka sirraawu gaafatanis, Paartiin isaanii mirga Kuusa Odeeffannoo ykn Serverii Boordii filannoo ilaaluu akka argatu, darbees meeshaaleen boordiin kuni filannoo kana gaggeessuuf fayyadamu lafaa akka sirriitti sakatta’aman, fi hojjetoonni hojii yakkaa boordicha keessatti hojjetan jedhan akka seeratti dhiyaatani gaafatani. Lakkoofsi hojjettootaa boordii filannoo Keeniyaa seeratti akka dhiyaatan Raayilaan jedhanii jaha yoo ta’u, isaan Keessaa tokko sadarkaa Hoji Raawwachiisuurra ka jiranii fi itti gaafatamaa dhimma teeknikaa boordii filannoochaas kan dabalatuudha. Gaggeessaan Boordii Filannoo keeniyaa yoo ibsa kennan dheengadda, Abbaan Alangaa biyyattii hojjettoota boordichaa irratti qorannoo gaggeessee yoo yakka isaan keessaa eenyuunirrattiyyuu arge tahe tarkaanfii irratti haa fudhatuu jedhaniiru. Haa tahu malee harra ibsa Raayilaan booda boordichi deebii hin kennine. Miseensonni Paarlaamaa biyyattiif dorgomanii moo’atan ka Paartii juubilii duuka jiran garuu, guyyaa filannoo pirezedaantummaa biyyattii ka boordiin filannoo keeniyaa kaaye kana akka fudhatan himaniiru.

‘Guyyaa Filannoo Boordiin Filannoo Murteesse Hin fudhannu’ Raayilaa Odiingaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:27 0:00

XS
SM
MD
LG