Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaameruun Kaaba-Dhihaa Keessatti Eega Poolsiin Dardara Tokko Ajjeesee Booda Hookkarri Kaleessa Ka’e Itti Fufee Jira


Magaalaa Kaameruun Kaaba-dhihaatti argamtu, Kumboo keessatti kaleessa galgala yeroo jeeqamni ka’etti namoonni dhibba hedduutti lakkaawaman, dahata barbaacha wacaa fi fiiginsaan gara Kaatediraala Kiristaanaa magaalattii keessaatti dheessan.

Kanneen namoota gara waldaa kiristaanaatti qajeelchan keessaa tokko - Kiritoofer Taataa, namoonni hagi tokko ganda Kifeem jedhamtu ka kiiloo-meetira hedduu Kaatediraalicha irraa fagaattu irraa fiiganii achi dhaqqaban, jedhu.

Kan halluu adii fi xiilloo yokaan cuqulisa of irraa qabu - alaabaan sochii adda-baatotaa magaalaa Kumboo keessatti akka balalaa ture – gabaasaan VOA argee jira. Gandeen hawaasaalee ka biroo keessatti alaabaan sun akka balbalaa turee fi har’a akka humnoonni waraanaa guuranii kaasan dubbatu – jiraattonni.

Hookkara kanaaf kan ittiin ka’insa tahe, kaleessa ganama ganda Kifeem keessatti soolanni waggaa kudha-toobaa tokko ajjeesamuu isaa ti.

Ibsa sirnaa Mootummaa irraa baheen, Ministarri Ittisaa Kaameruun – Jooseef Beetii Assoomoo akka jedhanitti, eega qawweelee ganda keessatti hojjeamiin poolisoota hidhannoo malee socho’an irratti haleellaan banamee fi poolsiin tokko madeessamee booda, gurbaan soolanni sun akka tasaa ajjeesame.

Kanneen ganda Kifeem keessatti baala sammuu darreessu sakatta’uuf bobba’anii jiran – poolisoonni sun eega haleellaan itti banamee booda of irraa ittisaaf dhukaasan.

Jiraattonni immoo, naga-eegdonni sun reeffa dargaggoo sanaa fuudhanii lafa irra harkisan – jedhu. Mormii ka’een manni barnootaa fi gamoon waajiraalee mootummaa barbadaa’e – jedhama. Har’as hookkarri itti fufee namni lammataa du’uun gabaasamee jira.

Kana cuqaasaa tii gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Kaameruun Kaaba-Dhihaa Keessatti Eega Poolsiin Dardara Tokko Ajjeesee Booda Hookkarri Kaleessa Ka’e Itti Fufee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:08 0:00

XS
SM
MD
LG