Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Haleellaa Laas Veegaas Raawwate Ka Biroos Karoorfatee Ture


Seenaa Ameerikaa dhiyeenyaa keessatti ta’ee kan hin beekne haleellaa jamaa Las Vegas keessatti utuu hin raawwatin dura Stephen Pddock fistivaala muuziqaa Las Vegas fi Chikaago keessatti geggeessaman irratti fuuleffachuuf hoteela kireeffatee kan ture ta’uu angawoonni nagaa eegisisan beeksisaanii jiru.

Sabaa himaaleen angawoota nagaa eegisisan maqaa dha’uun akka gabaasanitti Pddock kutaa hoteelaa lama Chicago bakka feestivaalli muuziqaa waggaa waggaan baatii Hagaya keessa geggeessamu kan uummati dhibba hedduun irratti hirmaatan irraa dawwachuu danda’u kireeffatee ture.

Paddock hoteelota sana hin seenin hafe. Xumura torban Sanaa Chicago keessa jiraachuu fi dhiisuun hin beekamne.

Magaa dhuma isaan Las Vegas keessatti hoteela bakka feestivaala muuziqaa ka biroo daawwachuu danda’u haleellaa sana torban tokko dura qabatee kan ture ta’uu hoogganaan poolisii Joseph Lombardo beeksisanii jiru. angawoonni hanga yoonaa haleellaan sun maaliif akka raawwatame qqorataa jiran.

XS
SM
MD
LG