Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Baqqalaa Nagaa Mana Keessatti Ugguramuun Ija Seera Biyyattiin Attamitti Ilaalama?


Barreessaa paartii Koongiresa Federaalawa Oromoo fi kan Mana Keessatti Ugguraman Obbo Baqqalaa Nagaa dhimma Maaster pilaanii Finfinnee waliin wal-qabatee yeroo mormiin Oromiyaa keessatti babal’atee geggeeffamaa turetti, humna mootummaatiin akka manaa ofii tii hin baanee fi sabaa-himaa kamiif iyyuu odeeffannoo hin kennine ugguramuu isaanii, ibsa yeroo sana dhaaba isaanii irraa kenname gabaasuun keenya ni yaadatama.

Seerri Itiyoophiyaa waa’ee uggura akkasii maal akka jedhu kan nuuf ibsan ogeessa seeraa fi abukaatoo kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa seerri biyyatti faallaa faallaa waan rawwatamee kanaati jedhu.Ajaja mana murtiin ala eenyuu iyyu kana gochuu akka hin dandeenyee fi Kanneen uggura kana irra ka’anis seeraan himatamanii hidhaa hanga waggaa kudhan ga’uun adabamuu akka danda’uu dubbatu.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame armaa gadiitti caqasaa

Obbo Baqqalaa Nagaa Mana Keessatti Ugguramuun Ija Seera Biyyattiin Attamitti Ilaalama?
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:49 0:00

XS
SM
MD
LG