Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Iraaq Magaalaa Haawijaa To’atan


Humnoonni Iraaq magaalaa Hawija harka IS jalaa baasuu isaanii muummichi ministeeraa biyyattii beeksisan.

Haider al-Abadi injifannoo kana kan labsan hoogganaa Ferensaay Emmanuel Macron waliin ta’uu dhaan paaris keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin yoo ta’u injifanoon kun Iraaq qofaaf utu hin taane guutummaa biyya lafaaf jedhan.

Loltoonni Iraaq kanneen mootummaa USn deggeraman garee jajjabee warra Shiyaa Iraaniin deggeramu waliin ta’uu dhaan duula Fulbaana 21 jalqabame Hawija irratti geggeessan.

Ajajaa waraanaa humnoota wal taatota Iraq Lt. Gen. Paul Funk humnoonni Iraaq magaalattii to’achuu isaaniif galateeffataniiru. Gootummaa fi ogumaan diina hamaa kanatti duulatan jedhan.

Gamtaan wal taatotaa akka jedhetti lolli sun guyyoota 14 kan fudhate ennaa ta’u shororkeessonni kuma tokko ta’an harka.

XS
SM
MD
LG