Xurree ittiin seenan

Ministriin Dhimma Alaa Tillerson Hojii Gadin Dhiisa Hin Jenne: Prezidaant Traamp

  • VOA

Prezidaant Doonaald Traamp ministriin dhimma alaa Rex Tillerson takkaa hojii gad dhiisuuf fedha hin qaban jechuu dhaan kan sabaa himaaleen muddama namoota kana lamaan jiru gabaasan oduu kijibaa ti ittiin jedhan.

Traamp ergaa twitter har’a ganama maxxansaniin dhaabbata oduu NBC qeequu dhaan gabaasi NBC dhiyeesse kan Tillerson jalqaba waggaa kanaa hojii gad dhiisuu ga’anii turen jedhu balaaleffatan. Akka gabaasa sanaatti muddamni baatilee hedduuf prezidaanticha waliin jiraachuu isaaf itti aanaa prezidaantii Mike Pence sababa gaafatan qofaaf hojii irra turan jedha.

Gabaasi NBC itti dabaluu dhaan Tillerson angawoota Pentagon waliin baatii Adoolessaa keessa erga mari’atanii booda Traamp nama sammuu hin qabne ittiin jedhan jedha.

Roobii kaleessaa Tillerson hojii gad dhiisuuf jiru oduu jedhu haalanii jiran.

Nama sammuu hin qabna isa jedhu gaafatamanii Tillerson kana jechuu isaanii hin haalle, garuu dhimmootii xixiqqoo irratti yeroo hin gubu jechuu dhaan Traamp fi imaammata isaanii alaa galateeffataniiru.

Dubbi himtuun ministrii dhimma alaa Heather Nauert Tillerson prezidaantichaan jecha akkasii hin jedhan jechuun haalan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG