Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sabaa Himaaleen Mootummaa Ameerikaan Deggeraman Sagal Ergamtoota Warra Alaa Ti: Raahiyaa


Ministriin haqaa Raashiyaa raadiyoo sagalee Ameerikaa dabalatee sabaa himaalee alaa mootummaa Ameerikaan deggeraman sagal ergamtoota warra alaaf hojjetan jechuun yakke.

Tarkaanfiin kun waaltaaleen sabaa himaa kun odeeffannoo Raashiyaa keessaa haala itti argaman wal xaxaa taasisa.

Ministriin haqaa Raashiyaa baatii darbe akeekkachiisa kenneen Radio Free Europe ken tamsaasu sagantaa Radio Liberty jedhamuu fi buufataalee oduu isaanii tamsaasan ergamtoota biyyoota alaa ittiin jedhe.

Raashiyaan tarkaanfiin isheen fudhatte kun US tamsaasa oduuwwan ishee seera Raashiyaan bara 2012 kan jaarmolii dhuunfaa ilaalchisuun baasteen akka bulan dirqisiisa.

Raadiyoon sagalee Ameerikaa trkaanfii Raashiyaan fudhatte irratti hanga yoonaa yaada kenne hin qabu. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa US Hzer Noowerti dhiyeenya akka dubbatanitti ministrichi haqaa waaltaalee oduu akka ergamtoota alaatti akka ilaaluu fi sochiiwwan interneetii akka ugguru eeyamuun, seera raashiyaa haaraa sabaa himaa walabaa irratti haleellaa geggeessame jechuun isaanii ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG