Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana Hidhaa Haarar Guddicha Keessatti Ibiddi Ka’uun Ibsamee Jira


Maddeen sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan akka jedhanti Ibiddi eega ka’e booda hidhamtoonni lubbuu ofii oolchuuf jecha yaalii godhan irratti polisii fi waraanni naannoo jiru dhukaasa itti baneen namnii tokko hospitaaa ga’e du’u isaa fi kanneen biroo lama madaa’uu dubbatan.

Gama kaaniin humnii kun uleen hidhatoota wan tumaniif jecha Hospitaala Hiwoot Faanaa fi Jagool keessa cisanii jiru.Hidhamtoonni kanneen biroon immo mana hidhaa guramanii buufata polisiitti geeffamuus dubbatanii jiru.

Mana hidhaa magaalaa Harar keessa jiru fi Haawuziin jedhamuun waamamu keessatti har’a waaree dura ibiddi ka’e to’annaa jala ooluu isaa itti gaafatamaan mana hidhaa ka ta’an Komaandar Birhaanee ibsanii jiru.Ibidda sana dhaamsuuf hidhamtoonni yaalii godhaniin wal irratti kufuun kanneen mada’an wal’ansa fayyaa argatanii mana hidhaatti deebi’anii jiru jedhan.

Gaaffii deebii gaggeeffame caqasaa

Mana Hidhaa Haarar Guddicha Keessatti Ibiddi Ka’uun Ibsamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:39 0:00

XS
SM
MD
LG