Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Wallaggaa Bahaa fi Lixa keessatti Hiriiraawwan Mormii Geggeessaman


Oromia map
Oromia map

Godina Walaggaa bahaa magaalaa Naqamtee keessatti har’a barattoonni hiriira geggeessuu isaanii nuuf ibsaniiru. Barattoonni kun gaaffii mirgaa kan qormaata COC jedhamuun wal qabate dabalatee gaafachuuf kan turan ennaa ta’u ennaa isaan hiriiruuf ka’anitti poolisiin itti bobba’ee gaazii imimmaansu biifuu dhaan barattoota kana bittimsuu nuuf ibsanii jiran.

Gama biraatiin hiriirumti wal fakkaatu godina wallaggaa lixaa aanaa Manasibuu magaalaa Mandii keessatti geggeessamee jira.

Hiriira kana kan geggeessan barattoota ennaa ta’an isaanis bakka adda addaatti hiraarfamni uummata Oromoo irratti raawwatu haa dhaabatu jechuun kan magaalaa Dambi Dolloo keessatti hidhaa fi reebichi uummata irratti raawwatamaa jira jedhan tuqaniiru. Hiriirri geggeessame abbootiin gadaa fi bulchaan magaalaa akkasumas jaarsoliin biyyaa bakka argamanitti gaaffiin barattootaa dhaggeeffatamee nagaan xumuramuu isaa ibsanii jiran.

Godina Wallaggaa Bahaa fi Lixa keessatti Hiriiraawwan Mormii Geggeessaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:10 0:00

XS
SM
MD
LG