Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baraak Obaamaa Ilma Mootii Biyya Briteen Waliin Gaaffii fi Deebii Geggeessan


Prezidaantiin Yunaayitid Isteets duraanii, Baraak Obaamaa, ilma mootii biyya Briteen – Prins Harii waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin – quunnamtiin karaa interneetii rakkoon inni qabu tokko, namoonni haala qabatamaa adda addaa keessa jiraatan, odeeffannoolee loogii yaadaa isaan itti afarsaniin marsafmuu isaanii ti – jedhan.

Namoonni hawaasaa interneetii irratti uummatan gara qabatamaa lafa irraatti fidanii, qaamaan wal barauu qaban – jedhu – Obaamaan.

Baatii Fulbaanaa keessa, sagantaa BBC ka guyyaa Roobiif, Prezidaant Obaamaa waliin gaaffii fi deebii geggeesse – Hariin.

“Interneetii irratti waan maritinuu ol kaasamee, miidhagee mul’ata. Ennaa fuulaa fi fuulatti wal argan garuu, haalli namootaa ka quunnamtii interneetii sana irraa adda. Daran wal-xaxaa tahee mul’ata” – jedhan – Prezidaantichi Yunaayitid Isteets. Gara fuul-duraatti, hoogganoota dhaloota itti aanuu leenjiusuutti ka fuuleffatan tahuu dubbatu.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG