Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri “Haleellaan Raayyaa Ittisaa Nu Irraa Haa Dhaabatu” Jedhu Oromiyaa Keessatti Itti-fufee Jira


Mormii Oromiyaa (Faayilii)
Mormii Oromiyaa (Faayilii)

Godinaalee Oromiyaa keessatti hiriirawwan mormii qeerroon qindeessan, jedhamanii fi uummata naannoo hirmaachisan dhuma torban kanaa fi guyyaa har’as itti fufanii oolan. Ka godinaa Horroo-guduruu Wallaggaa keessatti argamtu – magaalaan Shaambuu kanneen hiriirri keessatti geggeessame keessaa tokko. Jiraattonni akka jedhanitti, uummata har’a ganamaan buqqa’ee yaa’ee hiriiruu jalqabe adda-facaasuuf humni ittisaa mooraa Yunivarsitii Wallaggaa keessa qubatee jiru itti bobba’ee aara imimmaansuun adda facaasuuf yaalaa ture. Hoogganaan waajira poolisii godinaa Horroo-guduruu Wallaggaa garuu, “humni ittisaa naannoo sana hin jiru. Kan mooraa Yunivarsitii Wallaggaa keessa humna poolsii federaalaa lakkoobsaan digdama hin caalle. Isaanis mooraa keessaa gad hin baane. Ka dargaggoota hiriira ba’an tasgabbeessuu fi gorsuu yaalaa ture humna kora bittimmeessaa fi poolisii Oromiyaa ti,” jedhanii, hiriirichi nagaan jalqabamee nagaan xumuramuu dubbatan. Akkasuma, Godinaa Qellem Wallaggaa, aanaa Jimmaa Horroo, magaalaa Nuunnuu keessatti Sanbata dabre kana hiriirri mormii guddaan uummata aanichaan geggeessamuu, jiraattonnii fi aangawaan naannoo sanaa nuuf ibsanii jiran.

Waa’ee hiriirawwan lameenii, gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Hiriirri “Haleellaan Raayyaan Ittisaa Nu Irraa Haa Dhaabatu!” Jedhu Oromiyaa Keessatti Itti-fufee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:14 0:00

XS
SM
MD
LG