Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Sudaan Kibbaa Fi Mormitoonni Walii Galtee Lola Dhaabinsaa Mallatteessan


Gareen wal fincilan kan Sudaan kibbaa kaleessa galgala walii galtee lolaaf wal barbaaduu dhaabu Finfinnee keessatti erga mallatteessanii booda, lola dhaabinsi tolfame kan biyyattii waraanaan bututtee, jala bultii ayyaana dhaloota Gooftaa Yesuus Kiristoos hojii irra ooluuf jira.

Kan walitti bu’iinsa biyyootaa qoratu International Crisis Group irraa xiinxaltuu kan ta’an Casie Copeland akka jedhanitti mootummaa fi gareen momituu guddich lamaan isaanii wixinee walii galtee Sanaa irratti rakkoo guddaan jiraachuu erga dubbatanii booda walii galtee sun mallatteeffamuuf shakkiitu ture jedhan.

Mootummaan walii galteen sun dhimma ka biroof deebisanii hidhachuu fakkeenyaaf kan akka seeraa fi qajeelfama biyya keessaa bakkatti deebisuu nu dhorka yoo jedhan, gareen mormituu immoo lola dhaabinsi sun nageenya jiru to’achuu dhaan qaama haala jiru xiinxaluu fedhuuf karaa saaqa jedhan.

Dhuma irratti jedhan Copeland, walii galteen sun dantaa gam lamaanii akka fayyadu ofitti haammate.

Walitti bu’iinsi Sudaan Kibbaa Muddee bara 2013 erga eegalee qabee uummati kurna kumaan laka’amu ennaa du’eu kanneen miliyoona lamaa ol ta’an biyyattii dhaa baqataniiru.

XS
SM
MD
LG