Xurree ittiin seenan

Tokkummaan Mootummotaa Mana Warra Sobduuti: Benjamin Natanyaahuu

  • VOA

Yunaaytid Isteetes magaalaan galama mootummaa Israa’eel Jarusaaleem akka ta’uuf murtii goote mormuuf gumiin walii galaa kan Tokkummaa mootummootaa har’atti walgahii hatattamaa waamee jira. Mummichi ministeeraa Israa’eel Benjamin Natanyaahuu immoo Tokkummaan mootummootaa mana warra sobduuti jedhan.

Mootummaan Israa’eel sagaleen kun ituu hin kennamiin dursee guutummaa fudhatama dhabsisee jira KAN jedhan Natanyaahuun

Jerusaaleem magaalaa galama mootummaa keenya kanaafis Embaasilee biyya alaa achitti ijaarra jedhan. Prezidaantiin Amerikaa Donaald.

Traamp imaammata biyyatti kan yeroo dheeraaf ture cabsuun gara jalqaba waggaa kanaatti magaalaan galama mootummaa Isaa’eel Jerusaaleem waan taateef embaasii keenya gara sanatti hojii jijjiruu ni jalqabna jechuun isaanii ni yaadatama.

Wiixata darbee wixinee dhiyaate irratti biyyonni gola naga eegumsaaf miseensa ta’an 15 keessaa 14 yaada Amerikaa kana mormuun sagalee kan kennan ta’uus Amerikaan sagalee Vitoo qabduun murtii kana kuffistee jirti.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG