Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaanadaan deeggarsa Baqattoota Keeniyaa keessa jiraniif ka oolu Doolaara Miiliyoona 15 arjoomte


Kaanadaan deeggarsa baqattoota Keeniyaa keessa jiran gargaaruuf ka oolu Doolaara Miiliyoona 15 arjoomte. Ministirri Immigreeshinii Kaanadaa Kabajamoo Ahmed Huseen Keeniyaatti argamuun kaleessa buufata Baqattootaa Dhadhaab kan daawwatan yoo tahu, harra Naayiroobiitti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin biyyi isaanii deeggarsa baqattoota Keeniyaa keessa jiranii fi lammilee keeniyaa hoongeen hubamaniif ka oolu kana arjoomuu ishee beeksisaniiru.

Jaarmayaa Mootummootaatti Hoogganaan Dhaabbata Baqataa UNHCR’ Filiippoo Giraandii, Kaleessa Dhadhaabitti Baqattoota faana maree gochuu himanii waa’ee hanqina gargaarsa midhaan nyaataa baqattoota mudataa jiruu furuuf dhaabbanni isaanii akka hojjetu himaniiru

Bakka Bu’aan Hawaasa Baqattootaa Dhadhaab tokko maree Baqattoota Waliin Mr. Huseen fi Filippiinoo Giraandii waliin taasisame ilaalchisuun yoo dubbatan, ‘rakkoo hanqina midhaan nyaataa qabnu yeroo baayyee himannus nuuf hin furamne, namoota dhufanii nu dubbisan kanaaf himnus yoomitti akka furamu nuuf hin keenye. jedhan.

Galmoo Daawit dabalata isaa nuuf ergeera.

Kaanadaan deeggarsa Baqattoota Keeniyaa keessa jiraniif ka oolu Doolaara Miiliyoona 15 arjoomte
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:38 0:00

XS
SM
MD
LG