Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinoota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Hiriirri Mormii Har’a Gaggeeffamee Jira


Kaadhimamtootni Koolleejji Barnoota Barsiisota Mattuu fi Hawaasni Magaalaa Mattuu Hiriira Bahuun Ajjeechaaraawwatame balaaleffachuun Gadda qaban ibsatan
Kaadhimamtootni Koolleejji Barnoota Barsiisota Mattuu fi Hawaasni Magaalaa Mattuu Hiriira Bahuun Ajjeechaaraawwatame balaaleffachuun Gadda qaban ibsatan

Godiina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Dolloo, Godiina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Oborraa, Godiina Iluu abba Boor magaalaa Mattuu, Godiina wallaggaa bahaa magaalaa Naqamtee fi magaalaa Guddattuu Arjoo keessatti kaleessaa fi har’a hiriirrii nagaa gaggeeffamuu jiraattonnii fi aangawoonni nannoo ibsanii jiru.

Bakka marattuu gaaffiin hiriirtootaa wal fakkaataa yoo ta’u kanneen keessaa ajjechaan humnootii addaa kan bulchinsii naannoo Somaalee uummata Oromoo irratti gaggeessu haa dhaabatuu, Haasawaa mummichi ministeeraa Haayle Maariyaam Dassaaleenya dheengadda dhageesisan gam tokkoof kan logee fi uummata Oromoo bakka kan hin buune dhaa, Oromoota jireenya isaanii irraa buqqa’uuf dirqaman hojiin deebisanii qubsisuu itti fufuu qaba kan jedhanii fi kanneen biroon keessatti argamu.

Iddoo hundumaatti hiriirrii nagaa gaggeeffaee kun nagaan xumuramuu aangawoonni naannoo ibsanii jiran.Garu Godiina wallaggaa bahaa magaalaa Guddattuu Arjoo keessatti uummanni eega hiriira ba’e booda bulchaa magaalatti kan ta’an Obbo Dabalaa Imaanaa hiriirtootaan bakka bu’aa keessan kan ta’an namoota shana filadhaa jechuu isaanii kan ibsan hiriirtoonni booda garu namoota shanan uummanni filee kennate bulchiinsa magaalaa keessatti dorsiifamaa akka jiran ibsame jira.

Moraan waraanaa Dhidheessaa naannoo sanatti waan argamuuf jecha nageenyii namoota shananii sodaa guddaa keessa akka jiru hiriirtonni nuuf ibsanii jiru.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Godinoota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Hiriirri Mormii Har’a Gaggeeffamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:38 0:00

XS
SM
MD
LG