Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Daroo Labuu Keessa Turan Buufata Poolisii Keessa Utuu Hin Taane Kan Araddaa Keessa: Biiroo Kominikeeshinii Harargee Lixaa


Godina Harargee Lixaa aanaa Hawwii Guddininaa araddaalee Taa’oo fi Ibsaa jedhaman keessatti torban darbe humnoonni Somalee Itiyoopiyaa irraa ta’anii fi hidhatan haleellaa raawwataniin manneen uummataatti ibdidd qabsiisanii lubbuun namaa baduu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Ibsa muummichi ministeeraa H/Maariyaam kennanii fi Haala yeroo ammaa aanaa Hawwii Guddinaa fi Daaroo Labuu keessatti mul’ataa jiru ilaalchisee itti gaafatamaa waajjira kominikeeshinii godina Harargee Lixaa Obbo Abdurazaaq Ahmed Kan muummichi ministeeraa H/Maariyaam Dassaalen walitti bu’iinsawwan uumamaniin rakkooleen nagaa fi tasgabbii biyyattii jeeqan uumamuu dhaan lubbuun namaa baduu, uummanni qe’ee ofii irraa godaanuu fi qabeenyaan barbadaa’uu ibsa kelleessa galgala kennaniin baduu lubbuu lammiiwwaniif gadda itti dhaga’ame ibsanii maatii fi firoottaniif jajjabinan hawwa jedhan.

Muummichi minsiteerichaa Harargee lixaa aanaa Daaroo Labuu ganda Gaadilloo keessaa lammiiwwan Somaalee Itiyoophiyaa nageenya isaaniif jecha buufata poolisii naannoo sana keessa buufatnii turan irratti ajjeechaan jamaa raawwateera jedhan. Obbo Abdurazaaq garuu buufata Araddaa ti malee buufata poolisii miti jechuu dhaan namoonni achi keessa buufatanii turan lammiiwwan somaalee Itiyoopiyaa uummata waliin nagaan jiraataa kan turan jedhan. Ajjeechaan raawwatame sun nama dhuunfaan malee uummata araddaalee keenyaa bakka hin bu’u jedhaniiru.

Namoonni Daroo Labuu Keessa Turan Buufata Poolisii Keessa Utuu Hin Taane Kan Araddaa Keessa: Biiroo Kominikeeshinii Harargee Lixaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:57 0:00

XS
SM
MD
LG