Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Guddinaa Keessatti “Liyyuu Poolisiin” bulchiinsa Somaalee uummata Haleele: Waajjira Kominikeeshinii Aanaa


Godina Harargee Lixaa aanaa Hawwii guddinaa araddaalee Taa’oo fi Ibsaa jedhaman keessaa har’a liyyuu poolisiin bulchiinsa naannoo Somaalee bobba’uu dhaan manneen 80 nu irraa gubee uummata araddaalee kanaa qe’ee irraa godaansisuu jiraattonni ibsaniiru.

Jiraataan aanaa Hawwii Guddinaa akka ibsanitti meeshaalee waraanaa gurguddaa kanneen hidhatan humnoota “Liyyuu Poolis” jedhaman manneen namaa irra naanna’uu dhaan ibidda itti qabsiisan jedhan. Inni danda’u baqatee magaalaa Taa’oo fi Ibsaa keessaa waan godaaneef namoonni meeqa manneen gubatan keessatti akka du’an adda baafachuu hin dandeenye jedhan.

Haala godina Hawwii Guddinaa araddaa Taa’oo fi Ibsaa keessatti uumame jechuun kan jiraataan aanattii ibsan kana qaammi mootummaa illee mirkaneessee jira. Itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii godina Harargee Lixaa obbo Abduraqaaq Ahmed akka jedhanitti araddaaleen kun daangaa Somaaleetti siqanii kan hin jiraannee fi Oromiyaa keessa yoo ta’an gama Oromiyaatti ce’uun kan dhukaasa bane Liyyuu Haayil ta’uu dubbatan.

Manneen gubatan hanga ammaa 80 ta’uu isaanii fi uummati ganda isaa irraa buqqa’e mana barnootaa tokko keessa buufatee jira jedhanii lakkoobsi isaanii 300 kan ta’u uummati baqate kun ammas Liyyuu Haayliin marfamee jira jedhan. Uummata Kanaa harkaa baasuuf humni dabalataa qaama ol aanaa irraa waamamee gamasitti qajeelaa jiraachuu Obbo Abdurazaaq ibsanii jiru.

Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Guddinaa Keessatti “Liyyuu Poolisiin” bulchiinsa Somaalee uummata Haleele: Waajjira Kominikeeshinii Aanaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:05 0:00

XS
SM
MD
LG