Xurree ittiin seenan

Hermaan Koheen: Hoogganoonni TPLF Seeraa fi Sirni Itoophiyaa Keessaa Otuu Guutummaatti Hin Dhabamin Akka Yunaaytid Isteets Marii Huda Hirmaachise Qopheesitu Gaafachuu Qaban

  • VOA

Twiteerii @cohenOnAfrica irraa an fudhatame

Dhimmoota bulchiinsa gaarii tarkaanfachiisuu irratti gorsaa Baankii Addunyaa ta’uudhaan kan hojjetaa turan – Ambaasaddarri Yunaayitid Isteets duraanii – Hermaan Koheen, har’a, “hoogganoonni TPLF yokaan Adda Bilisuummaa Uummata Tigraay, otuu seeraa fi sirni guutummaatti Itiyoophiyaa keessaa hin dhabamiin dura, akka mootummaan Yunaayitid Isteets, konferensii paartiilee hunda hirmaachisuu fi sirna dimookiraatawaa haaraa gad-dhaabuu qindeessitu gaafachuuf cimsanii itti yaaduu qabu, jechuun barreessanii jiran.

Ambaasaddar Kohen, bara 1989 irraa jalqabanii haga bara 1993-tti, Ministirii Dhima-alaa Yunaayitid Isteets-tti, Gargaaraa Ministaraa Dhimmoota Afrikaa turan. Gaaffii fi deebii, Ambaasaddar Kohen waliin geggeessame sagantaa keenyaa Boorii irratti dhiheessina.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG