Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walaggaa Lixaa Magaalaalee Gimbii Fi Najjoo Keessatti Hiriirri Geggeessame Naagaan Xumurame: Jiraattotaa Fi Bulchiinsa 


Suuraa Faayilii
Suuraa Faayilii

Godina Walaggaa Lixaa magaalaalee Najjoo fi Gimbii keessatti har’a hiriirri geggeessamuu isaa jiraattonni nuuf ibsaanii jiran.

Kaayyoon hiriira kanaa ajjeechaa fi hidhaa akkasumas qe’ee irraa buqqaafamuun lammiiwwan keenya irratti raawwatu, barattoota Yuniversitii keessa kanneen jiran ijoollee Oromoo fi Amaaraa irratti ajjeechaan raawwatamaa jiru haa dhaabatu ka jedhu ta’uu jiraattonni dubbataniiru.

Bulchiinsi magaalaalee kanaa akkasumas poolisiin illee uummata cina hiriiruu dhaan hiriirawwan kun nagaan xumuramuu isaa mirkaneessanii jiran.

Gama biraan hiriirri magaalaa Gimbii keessatti geggeessame xumuramuutti ennaa dhiyaatu namni tokko konkolaataa alaabaa adda bilisummaa Oromoo qabachuun kaayyoo hiriira sanaatti adda kan ta’een jeequu yaalus uummati poolisiitti waan iyyateef to’annaa jala ooluu isaa jiraattonni beeksisaniiru. Poolsisiin magaalaa Gimbiis shakkamaa kana to’annaa jala oolchee qorataa kan jiru ta’uu beeksisee jira.

Walaggaa Lixaa Magaalaalee Gimbii Fi Najjoo Keessatti Hiriirri Geggeessame Naagaan Xumurame: Jiraattotaa Fi Bulchiinsa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:31 0:00

XS
SM
MD
LG