Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitii Wallaggaa Mooraa Shaambuu Keessatti Ajjeechaan Raawwate Qoratamaa Jira: Poolisii


Yiniversitii Walaggaa mooraa Shaambuu keessatti Wixata halkan du’uu barattoota lamaa ilaalchisee itti aanaa diinii barnootaa obbo Tuulii Abdiisaa dubbisneerra.

"Ijoolleen galgala walitti bu’anii wal reebanii turan. Kanaanis barattoota lama tu du’an. Tokko attamiin akka du’e hin beekamin jira tokko garuu tumamuu isaa anis ijaan argeen jira," jedhan.

Kan isa tokkoo garuu hin qulqullaa’in jira. Karaa foddaa darbatame kan jedhutu jira. Poolisii dhaan qoratamaa jira.

Obbo Tuuliin akka jedhanitti shaambuu keessatti walitti bu’iinsi akkasii barattoota gidduutti uumamee hin beeku. Walitti bu’iinsa gosaa kan jedhu illee ofii koof kuno galgala dheengaddaan arge jedhan. ijoolleen kun biyyattii gama kaabaa Tembeen irraa dhufan jechuu irra darbee ka biroo quba kan hin qabaanne ta’uu obbo Tuuliin ibsaniiru.

Gama poolisiin haalli isaa qoratamee qulqullaa’aa jira jechuu dhaan Horroo Guduruu Walaggaatti itti aanaa komaandera kan ta’an Insermu Huluqa beeksisaniiru.

Shaambuu irra darbee universitiiwwan kan akka Gonder fi Baahirdaar keessatti sochiiwwan adda addaa jiraachuu barattoonni nuuf ibsaniiru. baratan universitii Gonder ani kaleessa haasofsiise barattoonni mooraa keessaa utuu hin ba’in hiriira mormii geggeessanii kora bittinneessaan seenus miidhaan tokko iyyuu kan irra hin geenye ta’uu ibsee jira. Qaama universitichaatti gaaffii isaanii dhiyeeffachuu isaanii beeksisanii jiran barattoonni kun.

Prezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa miidhaan barattotoa Universitii Walaggaa mooraa shaambuu keessatti raawwatame ilaalchisuun gadda nutti dhaga’amu ibsina jedhan. Saba qooduun yakki raawwatamu fudhatama hin qabu waan ta’eef mootummaan naannoo Oromiyaa kana ni balaaleffata jedhan.

Mira irratti hundaa’ee gochi raawwatamu kam iyyuu uummata balaaf saaxilee galma akeekameef nu hankaasaa midiyaa Afaan oromoo OBNf ibsa kennaniiru.

Yunivarsitii Wallaggaa Mooraa Shaambuu Keessatti Ajjeechaan Raawwate Qoratamaa Jira: Poolsisii
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:00 0:00

XS
SM
MD
LG