Xurree ittiin seenan

Angawaa : Calanqoo Keessaa Dargaggoota Funaananii Bakka Biraatti Guuraa Jiru

  • Jaallannee Gammadaa

Yeroodhaaf lakkoofsa isaanii adda baafachuuf rakkisaa ta’uus dargaggoota naannoo Calanqoo irraa ta’an kokolaataa Aysuzuu fi kanneen biroon gara shinillee kan naannoo Dirree Dawaa fi bakka raayyaan waraana biyyaa buufatee jiru Gulmaasaa jedhamutti geeffamaa kan jiran ta’u godina harargee bahaatti itti aantuu itti gaafatamtuun waajiira komunikeeshinii Aaddee Fadilaa Daawuud ibsanii jiru.

Gama kaaniin namoota kaleessa haleellaa raayyaa ittisa biyyaan kanneen ajjefaman namoonni 15 har’a sirnii awwaalcha isaanii aanaa anaa isaanii keessatti gaggeefamudubbatan.Namoonni 8 bakka uummanni hiriiree turetti kan ajjefaman yoo ta’an 7 immoo hiriira irratti kan hin hirmaannee fi Oyruu ofi keessatti kan ajjefaman ta’u dubbatan.

Kunis kan ta’e hiriirtoonni magaalaa Calanqoo irraa araddaa Buuseetti qajeelaa ituu jiranii humna raayyaa ittisaa itti dhufnaan dargaggoota dheessan keessaa tokko dallaa mana qonnaan bulaa tokko waan seeneef jecha waraanni dhukaasa mana sana irratti baneen namnii 7 ajjefame.

Kanneen ajjefaman torban kana keessaa shan maatii tokko ta’uun ibsamee jira.

Gaaffii Deebii gaggeeffame caqasaa

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG