Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitii Amboo Mooraalee Lama keessatti Har’a Hiriirri Mormii Geggeessame: Barattoota


Yuniversitiiwwan Itiyoophiyaa keessa jiran adda addaa keessatti ajjeechaa barattoota Amaaraa fi Oromoo irratti raawwataa jiru haa dhaabatu jechuu dhaan barattoonni hiriira mormii geggeessaa jiraachuun gabaasamee jira.

Akkuma kanaan Yuniversitii Amboo mooraa Walisoo fi Awaaroo keessatti hiriirri mormii geggeessamuu barattoonni nuuf ibsanii jiru.

waajjira prezidaantii biraas deebii Yuniverstii Amboo mooraa Awwaaroo keessatti hiriirri geggeessamaa ture humna poolisiin bittinnaa’uu isaa fi gaaziin imimmaansu barattootatti biifamuu dubbatu barattoonni kun. Barnoonni illee dhaabachuu isaaf mooraan yeroo ammaa duwwaa ta’uu nuuf ibsaniiru.

Komee barattoonni dhiyeeffatan kana bulchiinsa universitichaa biraa deebii argachuuf gara prezidaantii Yuniversitii Amboo obbo Mekuriyaa G/Maariyaamitti bilbillee haala yuniversiti isaanii keessatti uumame ennaa ibsan ani waajjira keessa waanan tureef sagalee isaanii hin dhageenye.

Akka odeeffannootti kan nu ga’e barattoonni mormii dhageessisaa turuu isaanii fi booda irras ofuma isaanii dhaaban kan jedhu jedhan. Mooraan amma tasgabbii qaba. Barnoonni garuu har’a hin turre jedhaniiru.

Yunivarsitii Amboo Mooraalee Lama keessatti Har’a Hiriirri Mormii Geggeessame: Barattoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:34 0:00

XS
SM
MD
LG