Xurree ittiin seenan

Breaking News

Calanqoo Keessatti Lubbuun Namootaa Darbuu fi Kaan Immo Madaa’uu Beekamee Jira


Godinaa Haragee Bahaa aanaa Mettaa magaalaa Calanqoo keessatti hiriira har’a geggeessame irratti walitti-bu’insa uumameen raayyaan ittisa biyyaa lubbuun nama kudha shanii galaafachuu isaa jiraattoota keessaa kannnen sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan dubbatanii jiru.

Jiraattonni hedduun immoo haleellaa kanaan madaa’anii gara Hospitaala adda addaatti geeffamuu ibsamee jira.Kanneen daangaa irratti wal waraanaa jiraniif raashinni ykn nyaati haa ergamuu jechuun waajiira bulchiinsaa duratti hiriirree ituu jirru haleellaan kun nu irratti gaggeefamee jedhu Jiraattonni.

Bulchiinsi Godinaa Harargee Bahaa Obbo Jamaal Ahmadee walitti bu’iinsi kun uummauu mirkaneessee jiran.Walitti bu’iinsa kana dura daangaa anaa meettaa araddaa Sarkamaa irratti guyyoota darban lamaa fi sadiif Oromiyaa fi Naannoo Somaalee giddutti walitti bu’iinsa tureen gam lameen irraa namnii tokko tokko ajjefamuu ibsan.

Dargaggonnis ajjechaa Oromoo irratti gaggeeffamuun mufannaa qabaniin daandilee dhagaan cufanii yeroo hiriiranti raayyaan ittisaa daandii bansisuuf yaalii godheen walitti bu’iinsa ka’een namonin ajjefaman akkasumas mada’an akka jiran dubbatan.

Garu lakkoofsa isaanii hin qulqulleeffanne jedhan.Haala jiru adda baafatanii deebii akka nu kennan Obbo Jamaal Ahmedee waadaa nu seenanii jiru.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame Caqasaa

Calanqoo Keessatti Lubbuun Namootaa Darbuu fi Kaan Immo Madaa’uu Beekamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:49 0:00

XS
SM
MD
LG