Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa Itiyoohpiyaa Har’a kabajamee Jira


Guyyaa sabaa fi sablamootaa akkasumas uummattootaa Itiyoophiyaa har’a yeroo 12ffaaf bulchiinsa mootummaa naannoo Afaar magaalaa Samaraa keessatti kabajamee jira.

Ayyaana kana irratti haasawaa kan dhageesiisan mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayle Maariyaam Dassaaleny walitti bu’iinsa dhiyeenya kana uumamee ilaalchisee eega dubbatanii booda kanaafis humnootii badii fi jarreen kontrobaandii oofan ittiin jedhan himatan.Sababiin walitti bu’iinsa Sanaa maal akka ta’e haga ammaatti hin beekamne jedhu Obbo Haayla Maariyaam.

Ittiin ka’umsii walitti bu’iinsa kanaa qoratamee furmaata duubatti hin deebine kennina jedhan.Waluumaagala haasawaan mummicha ministeeraa harka caalaan waa’ee sabaa fi sablamootaa akkasumas walitti dhufeenya isaan giddu jira jedhan irratti kan fulleefate ture.

Qabxiin biraa kaasan ka Itiyoophiyaa haaraan irratti waggotii 27f irratti hundofte heeraa fi seera biyyatti akka jecha isaanti isa warqee sana maqaa dhahan.waggaa digdamii sadan har’a raggaasifamee waan ta’eef guyyaan kun seena qabeessa jedhu.

Sirna har’a kana irratti prezidaantiin Sudaan Omaar Al- Bashir kan Jabuutii prezidaant Ismaael Omaar Gelee akkasumas Ripaablikii Federaala Somaaliyaaf itti aanaa mummich ministeera ka ta’an Mahaadii Mohammad Guleed argamanii haasawaa gaggabaabaa dhagesisuu isaa Gabaafamee jira.

XS
SM
MD
LG