Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimmoota Fooyya’uu Qabanii fi Adda-addummaa Qabnu Irratti Mootummaa Itiyoophiyaa Waliin Dhuunfaatti Dubbanne, Jedhu – Aangawaan Yunaayitid Isteets Tokko


Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Damee Afrikaatti, eeggataa garaaraan ministaraa – Donaald Yaamaammootoo – har’a Embaasii Ameerikaa, kan Finfinnee jiru keessatti dhimmoota adda addaa irratti ibsa kennan. Akka Lakkoobsa Awurooppaatti bara 2006 irraa jalqabee haga bara 2009-tti, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Yunaayitid Isteets ta’uun kan hojjetaa turan – Yaamaamootoon, haala siyaasaa biyyattii, ka yeroo isaan achi turanii fi ka yeroo ammaa wal-bira qabanii ennaa ilaalan, maal akka argan gaafatamanii ennaa deebisan – deebii walii-galaa kennan. Biyyi isaanii dhimmoota akkanaa Itiyoophiyaa waliin ka dubbataa jirtu, marii dhuunfaatti geggeessamu irratti akka tahe dubbatan.

“Gama siyaasaatiin kanneen gara fuul-duraatti tarkaanfatanis tahe kanneen boodatti harkifatan ennaa argine, mootummaa waliin walitti dhiheenyaan hojjenna. Warri akkasii mariiwwan dhuunfaatti geggeessamani. Dhimmoota fooyya’uu qabu, jennu irratti, adda addummaan ennaa uumamu, dhimmoota sana fooyyessuuf irratti hojjenna. Maootummaa fi hawaasni akka waliin hojjetan gochuufis haga dandeenye ni gargaarra. Sababaan isaa kun faayidaa Itiyoophiyaatiif qofa waan hojjetamu miti. Kun Yunaayitid Isteetsiifis faayidaa tarsiimoo qaba. Dantaan tarsiimoo fi biyyoolessaa Yunaayitid Isteets, biyyoota fi mootummoota uummatoota isaaniif itti waamamoo fi itti-gaafatamoo tahan – jiraachuu isaanii mirkaneessuu dha. Kun, jijjiirama dhiheenya Zimbaabweetti geggeessame haga filannoo Laayiberiyaa keessatti karoorfamee jiruu, hanga haala filannoo Keeniyaa tii booda, haga qormaata Sudaan Kibbaa fi Ripublikii Dimookiraaatawa Koongoo keessatti uumamee ilaallee ka mirkaneessina. Kun Itiyoophiyaa keessa qofa otuu hin taane, guutummaa ardittii keessa wanna jiru dha. Kanaaf dammaqnee hordofna. Adda-addummaan ennaa jiraatus dhimmoota sana ni kaasna – jedhan – Doonaald Yaamaamootoo.

Daangaa Oromiyaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee irratti walitti-bu’insa uumame ilaalchisee, mootummaa Itiyoophiyaa waliin marii geggeessan yoo tahe gaafatamanii haalli isaa baay’ee yaaddessaa akka tahe dubbatan – Yamaamootoon.

“Sababaa abbummaa lafaa, wal-dhibdee sab-lammoota gidduu jiru fi sababaalee adda addaa misooma wajjiin wal-qabataniin lammiwwan Itiyoophiyaa gara kuma dhibba ja’aa fi toorbaatamaa biyyattii keessatti manaa fi qehee isaanii irraa buqqa’anitti deebinee ennaa ilaallu, baay’een isaanii baatii Fulbaanaa tii asitti kanneen buqqifamani. Kana ilaalchisee, mootummaa Itiyoophiyaa waliin ka dubbanne, marii dhuunfaa waan taheef garuma isaaniittan isin deebisa.” Jedhan. Walitti-bu’insoonni biyyoota Afrikaa hedduu keessaa yaaddessaa ta’uu ka dubbatan – Yaamaamootoon, “Itiyooophiyaa keessattis naannoo daangaa Oromiyaa fi Somaaleetti muddamni jiru yaaddessaa dha. Itti dhiheenyaanis hordofaa jirra” jedhu.

Bulchiisi gaarii, kabajamuun mirga dhala-namaa, walitti-bu’insii fi muddamni otuu xumura hin argatiin nagaa fi sabatiinsi argamuu akka hin dandeenye illee hubachiisanii jiran.

Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Damee Afrikaatti, eeggataa garaaraan ministaraa – Donaald Yaamaammootoo, kaleessa muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Hayile-maariiyaam Dessaalenyi wajjiin wal-arguun dubbatanii jiran.

Dhimmoota Fooyya’uu Qabanii fi Adda-addummaa Qabnu Irratti Mootummaa Itiyoophiyaa Waliin Dhuunfaatti Dubbanne, Jedhu – Aangawaan Yunaayitid Isteets Tokko
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:42 0:00

XS
SM
MD
LG