Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Lammileen Oromoo fi kaan ka 300 caalan Mandheeraarraa gara Mooyyaleetti Baqatan’ Bulchiinsa Aanaa Mooyyalee


Lammileen Oromoo waggootii hedduuf Keeniyaa Mandheeraa Keessa jiraataa turan wal dhabbiin daangaa Naannoo Somaalee fi Oromiyaa gidduutti uumameen booda miidhaa irra gahu jelaa miliquuf gara Mooyyaleetti baqataa jiru. Bulchaan Aanaa Mooyyalee haga kaleessaatti qofaa namoota Mandheeraatii baqatanii dhufan 300 ol simachuu Raadiyoonii VOA’f himaniiru.

Lammiin Oromoo Mahaammed jedhamu ka Mandheeraa baqatee dhufe akka himetti, keessumaa erga waldhabbiin daangaa naannolee lamaan gidduutti mullatee Mandheeraa keessatti lammilee Oromoo miidhuun dabalaa jiraachuu dubbata.

Bulchaan Aanaa Mooyyalee Obbo Galgaloo Baggajjaa ‘namootni kun amma Magaala Mooyyalee keessa buufatanii akka jiran himanii, gargaarsi isaaniif dhiyaataa jirullee gahaa waan hin taaneef deeggarsa gaafataa akka iran dubbatani.

Waa’ee kana Mandheeraatti hojjetaa kutaa bulchiinsa mandheeraa ka tahan principal Chief Izaak Adaawaa yoo gaafannuu, dubbii kana haalaniiru.

Galmoo Daawit Gabaasa dabalataa qaba

‘Lammileen Oromoo fi kaan ka 300 caalan Mandheeraarraa gara Mooyyaleetti Baqatan’ Bulchiinsa Aanaa Mooyyalee
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:17 0:00

XS
SM
MD
LG