Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoota: Liyyuu Polis Harargee Dhiyaa fi Bahaa Keessatti Nama Torba Ajjesan


Faayilii - Liyyuu poolisii

Godinaa Haragee Dhihaa fi Bahaa keessatti namonni har’a humna Liyyuu Poolisiin ajjeesaman 7 ga’an jechuudhaan jiraattonni fi aangawoonni naannoo gabaasanii jiran. Kanneen madaawanis ni jiran.

Godiina Harargee dhiyaa keessatti kaleessa galgala jiraattoota keessaa lama waraana Liyyuu polisiin ajjefamuu jiraatonnii fi aangawoonni ibsanii jiru.

Sana booda har’a ganamaa kaasee haleellaa itti fufuun namoota ka biroo afur liyyuu polis ajjesee kanneen biroo lama madeessuu isaa aangawonni naannoo ibsanii jiru.

Gama kaanii akkuma gidduu kana ta’aa ture har’a illee godina Harargee bahaa aanaa Fadis fi Baabbilee giddutti namnii tokko liyyuu polisiin ajjefamuu fi ka biraan tokko mada’uu aangawonni mirkaneessanii jiru.

Gaaffii Deebii gaggeeffame caqasaa

Angawoota: Liyyuu Polis Harargee Dhiyaa fi Bahaa Keessatti Nama Torba Ajjesan
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:14 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG