Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitii Addigraat Keessatti Amma Iyyu Tasgabiin Hin Jiru Jedhu Barattonni.Angawaan mooraa sana garu haallii Iddoo Duritti Deebi’eera Nagaa dha Jedhu


Jimaata darbe Muddee 8, bara 2017 galgala guyyaa sabaa fi sablammoota akkasumas uummattootaa kabajuuf barattonni yunivarsitii kanaa walitti qabamanii agarsiisa wallee dhiyaataa tureetu ittiin ka’uumsa walitti bu’iinsa kanaati jedhu barattonni. Walitti bu’iinsii suun hanga kutaa cisiicha barattootaatti (Dormii) itti fufee dhagaan wal reebuun waan hammaateef Brataan bulchiinsa naannoo Amaaraa irraa ta’e tokko du’u daayreekteerri kutaa qunnamtii uummataa kan Yunivarsirii Addigraat Obbo Yohaannis Kabbadaa lubbuun barataa Sanaa darbuu isaaf yunivarsichii gadda guddaan itti dhaga’amuu fi warraa fi maatii barataa du’eef jajjabiina hawwina jedhan.

Brattonni Oromoo kan mooraa sana keessa jiran akka jedhanti qiyyaafanni haleellaa kanaaa barattoota Amaaraati haa jedhamu malee Oromoonis rukutamanii jiran jedhu. Gaaf sana galgala Barataa Boruu Halakee jedhamu dhalataa naannoo Moyyalee barattonni dhaloota Tigraay rukutuuf yeroo itti gaman gamoo lamaffaa irraa foddaan utaaluuf dirqame jedhu.

Gaafa lafa ga’u qoma isaan waan kufeef akkasumas erga kufee booda qaama isaa kan saalaa keessa dhaanamuu ka dubbatan hiriyyonni isaa milla isaa irratti midhaan dhaqqabee wal’ansaaf ergamee akka ture dubbatu.

Obbo Yohannes Kabbadaa akka jedhanti hogganoota amantii jaarsolii biyyaa akkasumas bulchiinsa Yunivarstii dabalachuun barattoota waliin mariin gaggeeffamee araara buusuuf carraaqqii ta’een yeroo ammaa moraan Yunivarsitichaa tasagabii guutuu keessa jiara jedhan.

Barattonni garu hanaga har’atti tasagabiin akka hin jirree fi ijoolleen mooraa gadhisanii ba’uu feenu iyyu ba’u nu dhorkan haallii jiru muddamasaan guutamaa dha jedhu.

Gbaasa guutuu caqasaa

Yunivarsitii Addigraat Keessatti Amma Iyyu Tasgabiin Hin Jiru Jedhu Barattonni.Angawaan mooraa sana garu haallii Iddoo Duritti Deebi’eera Nagaa dha Jedhu
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:15 0:00

XS
SM
MD
LG