Xurree ittiin seenan

‘Balfi Galaanatti gatamu faalama bishaan galaanaa dabaluutti jira’ Jaarmayaa Mootummootaa


Balfi pilaastikaa bishaan galaanaatti gadi darbamaa jiru waan dabaleef faalamni bishaan galaanaa dabalaa jiraachuu Jaarmayaan Mootummootaa beeksise. Jaarmayaan Mootummootaa dhimma kana furuuf tumsa ‘Clean Seas’ jedhamu Gurraandhala bara 2017 kaasee hojiirra kan oolchaa ture yoo tahu, dhimma kanas Walgahii Gumii Eegumsa Naannoo kan Jaarmayaa Mootummootaa 3ffaa Naayiroobiitti gaggeeffame irrattis mariyateera.

Walgayii kana irratti kan hirmaatan biyyootiin 193 rakkoo faalama qilleensaa addunya mudataa jiru furuuf walii galteerra gahaniiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG