Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Daangaa Jechuun Ibsa Kennuuf kan Ka’e Mootummaan Itiyoophiyaa Ajjechaa Calanqoo fi Godaansa Uummataaf Maaf Waa Jechuu Dadhabe? KFO


Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayla Maariyaam Dassaaleny walitti bu’iinsa dhiyeenya kana biyyatti naannoo adda addaa keessatti uumamee ittiin jedhan kan ilaaleen Uummata biyya isaaniif hasawaa dhageesisuu isaanii beekamee jira. Walitti bu’iinsa uumaman jedhan keessaatti kanneen lubbuu isaanii dhabaniif gadda itti dhaga’ame ibsuun haallii uumaman qoratamanii furmaanni barbaadamuuf akka jiru dubbatan.

Haasawa mummicha ministeeraa kana paartiin Kongreesa Federaalawaa Oromoo attamitti ilaalee? Itti aanaa dura ta’an KFO Obbo Mulaatuu Gammachuu akka jedhanti biyya tokko keessatti Oromoon uummata isa kaan waliin ija wal qixxeen hin ilaalamuu jedhan.

Kanaafis ragaa tokko kan dhiyeenya kanaa keessaa uummanni Oromoo kuma dhibba ja’a ta’u qe’e ofii iraa ari’amee yeroo ba’u akkasumas dhiyeenya kana calanqoo keessatti lubbuun nama kudha shan ol raayyaan ittisaan yeroo ajjeefamu mootummaan cal jedhee ilaalaa turee jimaata darbe uummanni bulchiinsa nannoo Somaalee ajjefaman jechuun ibsa kennuuf ba’e jedhan.

Wal dhabdee daangaati jedhamee humna uummata Oromoo godaansisaa fi ajjesaa jiru kan bulchiinsa naannoo Somaalee kan leenjiisee hidhachiise mootummaa Federaalaa ta’u ibsanii gama kaaniin mootummaan Federaalaa kanneen jireenya isaanii irraa godaansiifaman kuma dhibba ja’aa ol gargaarsa kennuu ykn uummata qe’e isaa irraa godaansiifame attamitti deebisuu akka dadhabe nuu galuu jedhu.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa

Walitti Bu’iinsa Daangaa Jechuun Ibsa Kennuuf kan Ka’e Mootummaan Itiyoophiyaa Ajjechaa Calanqoo fi Godaansa Uummataaf Maaf Waa Jechuu Dadhabe? KFO
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:45 0:00

XS
SM
MD
LG