Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Liyyuu Haayil Nu Irratti Gaggeessu Guyyaa 4ffaaf Har’as Itti Fufee Jira: Angawaa


Godiina Harargee Lixaa araddaa Misraa Bakka Quluulitii jedhamtutti Liyyuu Haayiliin kan bulchiinsa naannoo Somaalee guyyoota darban kana keessa haleellaa gaggeessaa akka ture jiraatonnii fi aangawoonni naannoo ibsani jiru. Guyyaa har’a garu raayyaa ittisa biyyaa dabalatanii haleellaa gaggeessuu isaanii aangawaan dubbatanii jiran. Miseensoota polisii Oromiyaa keessaa lama jiraattoota keessaa immoo namoota ka biroo lama haleellaa Kanaan mada’anii Hospitaalatti geeffamuu ibsamee jira.

Raayyaan Ittisa biyyaa Ereer irraa yeroo seeneetti gam lameen aanaa aanaa isaanti deebiisna jedhee akka ture kan ibsan bulchaan araddaa Misraa Cifraa Obbo Abdii Usoo booda garu walii wajjiin haleellaa itti fuufan jedhu. Haga ammaattis gaara dheeraatti galuun achuuma keessa akka jiran ibsan.Haaleellaan gaggeessaniis kan meeshaa gurguddaa ta’u bulchaan araddaa kun dubbatanii jirujiru.

Gbaasaa Guutuu Caqasaa

Haleellaa Liyyuu Haayil Nu Irratti Gaggeessu Guyyaa 4ffaaf Har’as Itti Fufee Jira: Angawaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:11 0:00

XS
SM
MD
LG