Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manneen Gubachuu fi Uummanni Qe’ee Irraa Buqqa’uun Itti Fufe: Jiraattota Godina Harargee Lixaa 


Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Itoophiyaa
Naannoo Oromiyaa fi Somaalee Itoophiyaa

Godina Harargee Lixaa aanaa Hawwii Guddinaa magaalaa Taa’oo fi Ibsaa akkasumas aanaa Daaroo Labuu araddaa Gaadulloo keessatti haleellaa raawwatameen lubbuun namaa baduu gabaasuun keenya ni yaadatama. Muummichi ministeeraa H/Maariyaam Dassaalenyis haaluma kana ilaalchisuu dhaan Gaadulloo keessatti uummata buufata poolisii keessatti sodaa nageenyaaf walitti qabamee jiru irratti ajjeechaan jamaa raawwatamuu isaaf gadda nutti dhaga’ame ibsina jechuu isaanii illee gabaasnee jirra.

Waajjira kominikeeshinii Harargee Lixaa irraa ibsi nuti arganne garuu bakka lammiiwwan naannoo Somaalee irraa ta’an kun keessa buufatanii jiran buufata araddaa malee buufata poolisii akka hin ta’iin hubannee jirra.

Akkuma kanaan har’as haalli naannoo Gaadulloo jiru maal akka fakkaatu hubachuuf gara aanaa Daaroo Labuutti bilbilee jiraataa gandattii tokko dubbiseen jira. Ammas manneen gubachuun itti fufee namoonni qe’ee irraa godaanaa jiru naan jedhan.

Manneen Gubachuu fi Uummanni Qe’ee Irraa Buqqa’uun Itti Fufe: Jiraattota Godina Harargee Lixaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:52 0:00

XS
SM
MD
LG