Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Hojii Rawwachiiftu ADWUI fi Gamtaan MEDREK Mata Mataatti Ibsa Baasan


Waggaa darbee kan jalqabamee sochiin haaromsaa gad fageenya qabu attamitti hojii irra akka oole hojii gamaagamuu jalqabamuu isaa ibsa Robii kaleessaa baaseen kan hubachisee ADWUI..n jaarmayaa hawaasa hogganu akkuma ta’e ofii isaa iyyu of-jijjiruu qaba jedha.

Xiinxala haga ammaatti gaggeeffameen amala rakkoo biyyatti keessaa fi ittiin ka’uumsa isaa ijoo ta’an kan ilaaleen mariin gaggeeffamu ibsee jira.Kanaaf hoggana jiru biratti yeroo kamiin iyyu caalaa tokkummaan yaadaa uumamuu danda’ee jira jedha.

Gama kaaniin Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo ammaa nageenya mirgaa fi kabajaa lammiwwan biyyatti eegsisuu waan dadhabeef mootummaa Demokraatawaa ga’uumsa qabu ka biraa haa ijaaramuu jechuun gamtaan MEDREK har’a ibsa baasee jira.

Paartiin biyya bulchaa jiru hoggana dadhabaa qabu irraa rakkoon mudachuu ibsuus yeroo dheeraaf kan sirreesse hin qabu jedhee jira.

XS
SM
MD
LG