Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes Sababaa Dhittaa Mirga Namoomaan Qondaala Waraana Maaynamaar Irra Uggura Keessee


Yunaaytid Isteetes qondaala waraana maaynamaar irra har’a uggura keessee jirti .Qondaaltichii waraanaa kun musleemoota Rohingya irratti duguugamiinsa sanyii gaggeeffame hogganan jechuun himatte.

Janaraalli maaynamaar Maung Maung Soe namoota addunyaa irratti dhittaa mirga namoomaan himataman 52 kanneen ministriin maallaqaa kan Yunaaytid Isteetes ugguura irra ka’ee keessaa tokko.

Kanneen biroo keessaa prezidaantii Gaambiyaa duraanii Yahya Jammeh kanneen mootummaa isaa irratti sodaa uuman jedhee amanee gartuu ajjesu tokko dhaabee ajaja kennaa ture jedha.Knaaf Amerikaan uggura irra kessee jirti.

Doktoora ooguma baqaqsanuu suphuu fi lammii paakistaan ta’e Muktaara Shah namoota seeraan ala daldaluu fi seeraana ala qaama namaa nama keessaa baasuun daldaluu keessaa harka qaba jechuun poliisoonni paakistaan waan amananiif jecha uggurri kun ka’amee jira.

XS
SM
MD
LG