Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Baqqalaa Garbaa irratti hidhaan baatii ja’aa dabaltaan muramuu isaa balaaleffanna: Miseensa Mana Maree Yunaaytid Isteets


Mana-maree Yunaaytid Isteets miseensi sadarkaa ol’aanaa koree dhimmotoa alaa Iliyeet L. Engil manni-murtii Itiyoophiyaa itti aanaa dura taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo mana hidhaa jiran Obbo Baqqalaa Garbaa irratti hidhaa baatii ja’aa dabaltaan muruu isaa balaaleffachuun har’a ibsa baasanii jiran.

Yeroo hidhamtoonni kumaan lakkaawaman hiikamaa jiranitti manni-murtii Itiyoophiyaa Obbo Baqqalaa Garbaa “mana-murtii tuffate” jechuun hidhaa dabalataa baatii ja’a itti muruun isaa kan hedduu nama gaddisiisu jedha ibsi miseensichi mana-maree Yunaayitid Isteets Iliyeeet L. Engil baasan.

Hoogganaan Koongiresa Federaalawa Oromoo Baqqalaa Garbaa Mudde bara 2015 yeroo mootummaan mormii bulchiinsota naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti keessatti geggeessame irratti tarkaanfii fudhatetti eega hidhamanii as akka dhukkubsataa jiranis ibsi bahe kun addeessee jira.

Koomishina Mirga Dhala-namaa Toom Laantosiin Obbo Baqqalaa Garbaa nama yaada sammuu isaaniif hidhaman yokaan “Prisoner of Conscience”tti galmeessamuun isaaniis ibsa har’a bahe keessatti himamee jira.

Namoota kabajamuu mirga dhala namaatiif falman kanneen akka Baqqalaa Garbaa dhimma Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaa waliin dubbattu isa adda duree akka tahuu qabu kan dubbatan miseensi mana maree bakka bu’ootaa Yunaayitid Isteets Iliyeet Engil “kanaaf jecha seera mana-mareetti dhihaate kan Itiyoophiyaa dabalee kabajamuu mirga dhala-namaa deggeru namaoota dhiheessan keessaa tokko ta’uu kootti nan boona” jedhan.

XS
SM
MD
LG