Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganoota KFO Hidhaa Dabalataa Kan Baatii Ja’an Adabaman: Abukaatoo 


Loogoo KFO

Kanneen galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti himataman silaa har’a murtii dhumaatu kennamaaf jedhamee kan har’atti bellamamee ture ta’uus xumuura hin argatin hafee jira.

Sababiin isaas hogganoonni KFO arfan dhaddachii maqaa isaanii yeroo waamu owwaachuu fi ka’anii dhaabachuu didan jechuun tokkoon tokkoon isaanii hidhaa baatii ja’an har’as adabuu isaan ta'u abukaatoon isaanii dubbatanii jiru.

Himatamtooni garu yeroo maqaan isaanii waamamee ture harka ol baasanii akka turan ibsamee jira.

Himatamtoota galmee sana irratti dhiyaachuun irra ture ka biroo afur manni hidhaa hin dhiyeessiin hafe.Waluumaagala himatamtoota saddettan irratti murtii dhumaa kennuuf bellamnii ji’a tokkotti qabamee jira.

Gabaasa dabalataa dhiyeessuuf jirra.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG