Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Baqqalaa Garbaa Wal’ansa Fayyaa Dhabuun Nu Gaddisiisa: Maatii


Obbo Baqqalaa Garbaa ija isaanii irra miidhaa dhaqqabeef wal’aansi sadarkaa ol aanaa akka isaan barbaachisu Doktoroonni itti himan iyyuu hanga ammaatti manni hidhaa Qaallitti hin ergin jira jechuu dhaan intalli isaanii Shamarree Boontuu Baqqalaa ibsitee jirti.

Dhiibbaan dhigaa ol ka’e ituu hin wal’anamiin hafuu Obbo baqqalaa irraa kan ka’e ija isaanii gara bitaa dandeetti arguuf qabu irratti midhaa dhaqqabsisuun isaa kan dubbatan ogeessonni fayyaa hospitaala dhunfaa dhaquun akka gargaarsa sadarkaa olaanaa argatan gorsanii waraqaa barreessan.

Manni hidhaa Qaallitti garu gara hospitaala mootummaatti malee hidhamaa gara hospitaala dhunfaatti erguu hin dandeenyu jechuun isaa ibsamee jira. Waa’ee dhukkubsachuu obbo Baqqalaa Garbaa kan ilaaleen deebii gama mana hidhaa Qaallittii argachuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Gama kaaniin haala Obbo Baqqalaa Garbaa mudate kana kana kan ilaaleen dullii tokko har’a sabaa himaa haawaasummaa irratti gaggeeffamaa jira.

Gabaasaa Guutuu Caqasaa

Obbo Baqqalaa Garbaa Wal’ansa Fayyaa Dhabuun Nu Gaddisiisa: Maatii
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:33 0:00

XS
SM
MD
LG