Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Gujiitti kemikaalii warshaa Midrooki horii sallessisa, haawwan ulfa irraa baasa qilleensa hammeessa jedha warrii qoratee fi achi jiru


MIDROCK

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:36 0:00

Kontoraatii warshaa Warqii Midrook godina Gujiitti aanaa Shaakkisoo ammallee ganna 10f haaressan. Tun falmii fi hiriir ahedduun dhufuutti jirti.

Ministerii koominikeeshiinii albuuda Itoophiyaa seera ammaa keessatti akka warrii naannoolleen huji warshaa keessaa harka 2 argatu tolchanii baasan jedha.

Warrii lafaa ammoo hujiin warshaa tanaa namaa fi horiilleen waliin balleessuutti jira jedha.

Obboo Baacaa Raajjii daarektera koominikeeshiinii ministera albuudaa,gaazii uumamaa fi bobahaati.Akka jecha isaatti duruu afaanumaan akka warshaan ummataa faaydaa kennu itti himan malee seeraan jabaan hin jiru jedha.

“Wagga dabre keessa akka kontoraatini haareffamuuf gaafatan.Koreen dhaabatee waan isaan guutu qaban qoratanii faaydaa ummati keessaa argatus qoratanii Bitootessa 30 kontoraata haaromsaniif,” jedha.

Midoorki duruu ganna 20 Laga-Dambii keessaa warqii qotachaa bahe ammallee ganna 10 daraniif.

Midrook akka warii lafaa jedhutti lafa km 10 caaluti jaarratee warqii keessaa qotata. Ganda sadiitti achitti dhiyaata qubata; Giindhee,Reejjii fi aanaa shaakkisooti.

Ummatii kun guddoo miidhamuutti jira jedhan jiraattotii.Tanaaf ammallee namii hedduu haareffamuu Midrook irratti hiriira bahee falmuutti jira.

Aabba Dullcha Halakee bulchaa aanaa Goroo Doolaa hardha namii hiriira keessatti bahee rakkoo himateeti.

Gooroo Doolaa maleellee aanaa Hannaa-Sorraa,Dudda-Daawwaa faalleetti nama hedduutti haareffamuu kontoraataa kana irratti hiriira bahe.Jarii kun hujiin tun qorannoo malee kennani haareffamu hin mallee jedha.

Kemikaala wardhaa Midrook keessaa bahuun akka jiraattotii jedhanitti haawwan hedduu irraa ulfatti baha,ijoollee naafaa fi ballaatti dhalataa horiin hin salleessa jedhan.

Dullchaa halakee bulchaa aanaa Gooroo Doolaati.Haawwan qaamii guddatee,miilii qallachuu,namii yeroo malee dahuu fi rakkoo akka akkaa keessa jira jedha.

Gama qilleensaatiin ammoo kemikaalii kun bisaan hadheessa namallee xiixaa ykn asmii qabsiisa jedhan.

Ijoolleen hiriira baatelleen rakkoo tana himachaa karaallee dhagaan cufte akka warrii achi jiru jedhutti.

Dr.Asebee Raggaasaa yuniversitii Dillaatti daarektera qorannooti.Ganna hedduu hujii warqii Laga-Dambiitii fi dhiba hujiin tun biyyattiin dhuftu qorachaa bahe.

Daa’ima qaamii laamisha’ee,haawwan ulfatti irraa bahaa,daa’imman ijaan hin arginetti dhalataa,kemikaalii kun horii nama irraa ijjeesaa jedha Dr.Asebeen.

Ji’a lamaan duratti ijoollee 20 qaami laamishahetti dhalate mana irra deemee qoradhee argee jedha Dr.Asebeen.

Ijoolleen ganna 1-12 jidduu jiran tun ta garii nama 11 faatti miilaan deemuu dadhabee lafa irra sorroonqatan fa jedhan.

Warqii kemikaalii baasan.Kemikaalii ykn hadhaan tun mukaa,buuyyoo,bisaanii fi qilleensa hammeessiti namati.

Kemikaalii hujii albuuda Itoophiyaatiin hojjatan yoo hedduu akka jecha Dr. Asebeetti Merkurii fi Saaynadii.Tanatti haawwan irraa ulfa baasee qilleensallee balleessa.

“Merkuriin qaamma horii caaccabsa dhaabbachuu hin dandahan.”

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG