Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Keniyaa Dawatan


Keniyaa fi Itiyoophiyaan bu’a gama dinagdee fi nageenya lammiwwan isaanii kabajsisuuf haala adda ta’een hojii irra oolchuuf walii galanii jiru.

Biyyonni lameen wal ta’iinsa sadarkaa olaanaa gama lameenii irra ga’uuf kan gargaaru Komishinii walii hundeessan.Prezidaantiin Keniyaa Uhuruu Keenyaattaa sochiin mi’a adda addaa fi namootaa kan biyyoota lamaan gidduu foyya’uu isaa fi kunis buufata tokko naannoo daangaa kan ta’e Moyaalee irratti banuun uummanni biyyoota lameenii haariroo addaa tolfame irraa akka bu’aa argatan gochuuf ta’u ibsan.

Mumee ministira Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad fi pireezdaantii keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa
Mumee ministira Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad fi pireezdaantii keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa

Waggootii darban keessaa wanni hojjatamaa ture kan nu boonsuu hin turre kan jedhan mummichi ministeera itiyoophiyaa Dr. Abiiy Ahmad kana caalaa milkaa’uu qabna jedhan.

Hogganoonni lameen madda humna Eleektrikaa Keniyaan Itiyoophiyaa irraa bituuf walii galtee attamitti hojii irra akka oolu dubbatan.

Itiyoophiyaan ijaarsa hidha laga abbayyaa xumuraa waan jirtuuf kutaa sana keessa rakkoo Eleektrikaa jiiru gargaaruuf nana danda’aa jetti.

XS
SM
MD
LG