Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromoo 300 oli dhiyoo tana Itoophiyaa hidhaa gadi lalakkisan keessaa hagii tokko Boorana Keenyaati


Mana bulchiinsa hidhaa Finfinnee

Oromoo dhiyoo tana hidhaa bahan keessaa hagii tokko Boorana-Keenyaati
please wait

No media source currently available

0:00 0:17:21 0:00

Itoophiyaatti dhiyoo tattana nama hedduu mana hidhaattii yaasuutti jiran. Hagii tokko ka hidhaa umurii guutuu,lubbuu fi ganna hedduu itti muran.

Jaatanii Kunnoo,Godaanaa Dooyyoo,Jaldeessa Waaqoo,Liiban Waariyoo faatilleen warra mana hidhaa Itoophiyaa fulaa akka akkaatii irraan maranii eegee gadi dhidhiisan keesaa haga tokko.

Jaldeessa Waaqoo akka jecha isaatti gaafa qaban ganna 20 keessa jiru. Ganna nna 4 fi ji’a7 hidhame bahe. Durii tissituu looniitii loonuma keessaa na qabani jedha.

"Akka Itoophiyaatti bara 2006 Keenyaa ollaa Ajaalleetii na qaban, achii kaambi federaala Mooyyale na geessan.”

Akka Jaldeessii jedhutti innii guyyaa tokko horii tissaa marroo taan ammoo hin barata.Akkuma kanaan kutaa jaha gahee eegee ammoo waraana naannoo Mooyyalee hadhe keessa jirtan jedhani hidhanii barumsallee dhabee jedha.

'Baatii lama caalaa kaambii waraana Mooyyalee bulee.Harkaa fi miila na hidhanii waan ilmee namaa hin tolchine na tolchan. Achitti Waariyoo Xaaxessaatiin walti nu fidan.”

Akka innii jedhutti bulti 45 harkaa fi miila hidhan,guyyaa ammoo miila irraa hidhaa hiikani halkan itti deebisan.Bisaan nafaallee hin argatanii rarraasanii lichoon nama dhaanan jedha.

Achii Finfinneetti fulaa namii hin beenne, achii ammmoo Maaykelaawii,Qilinxoo, geessanii ganna 15 itti muranii eegee gadi dhiisan.

Maykelaawii ji’a afuru achii ammoo Qilinxoo waggaa 2 turee eegee ammoo ganna 15 itti muran.Milkiin amma nama ganna 25ti.

“Ammallee deebihee barumsa dhaabe sun barachuu fedha. Jaatanii Kunnoo, nama ganna mana 50 keessa jiru. Durii nagadaan bulu akka jecha isaattii ABO waliin jirta jedhanii Mooyyalee qabanii kaambi waraanaatti hidhan.

Jaatani Mooyyale bultii 18 bulchanii eegee Finfinneetiin dabran. Mooyyalee ammoo Finfinneen dhaqan. “ Finfinnee fulaa dhossaa nu geessan,kaambi waraanaa hin fakkaattu.Nu nama sadii,mana nu cinaallee namatti jira.”

Jaataniin amma hidhaa bahee gammachuu qaba taatullee akka innii jedhutti yaadaa fi yaaddoon guddoon isaa ka warrii hidhaatti hafeeti. Akka amma jiran kanatti abdiitti jiraa taatullee warrii hamaan fuluma duriitti nama deebisuu fedhu hin dhabamuu jedha.

Wannii na hidhaniif duriillee tanumaa ammallee daba ummata kiyya irra gahu, walqixummaa fi dimokiraasiif hojjadhaa.Haga ummatii kiyya tana argatutti qaraa itti du’ee ammallee sunuma hojjadhaa taan ammoo jireenna kiyya oofadha jedha.

Nama akka Dabbasaa Guyyoo,Nadhii Gammadaa,Moluu Boruu,tissaa horii Rimseessa, Soloolo Keenyaa qaban,Jaldeessa Waaqoo ka waraanii Itoophiyaa qabee lafaa dhabanillee iyyaatiillee hin dhageenne jedha.Warii Jaatanii eegii qabanii barbaada ganna sadiitiin duubatti arge.

Milkii Dooyyoo ammoo godina Booranaa aanaa Mooyyalee keesaa qaban.

“Halkanuma anaa waariitt jiru na qaban.Hidhataatti na qabe. Immigration Mooyyalee na geessan,achii kaambii waraana Mooyyaleetti naan dabran.”

Milkii fi nama sadii dhibii walti fidan. “Ji’a afurin duubati Maaykelaawii nu geessan. Suniin duratti Finfinnee keessatti dhossaatti nu hidhan. Achii ammoo halkan saatii 6-7 hirriibaa nu kaasanii nu dhaanan.”

Milkiin nama ganna 33.Akka innii jedhutti mana akka dhaamotu keessatti nama hidhanii sunumaan dhibii TB fuudhee amma oli qajeeleetuu deemuu hin dandahu.

Maaykelaawwitti ammoo mana dhipha tokko keesaa nama haga 370 harkii 80 Oromoo tahe itti hidhan.

"Namii waan akka siree tokko irra jalaa fi gubbaa rafa. Kaan ammoo. Warra lafa rafuun domoqaa jedhan.Yoo halkan fincanii baatu nama irra sirbaa deemta.Akkuma midhaanii wal irratti tuulan.”

Dureeyyiin ammoo fulaa namii itti hin buune siree dansaa kennaniifii rafan jedha.

Nama miseensa ABO jedhanii himatan dubbiitti itti jabaata.Yoo dhibame akka fedhe hin akimatu yoo akimi geessanillee jarjarsanii akka innii akka fedhe doktoriitti dhiba hin himanne jarjarsan. Beellamallee akka dansaa hin qabaniif.

Akka jecha Milkiitti isaa fi injineeri Tesfaayee Camadaa fi injineeri Mesfiin Abbebee faallee manuma nama 300 caalaa itti keessatti hidhan. Jara kannoo akka jecha isaatti galgaluma tokko harka walti hiitee poolisiin dhaanaa dabarteen.Abbebee Urgeessaa faalleen warra wallaansa dhabee lubbuu dhabe jedha.

Liiban Waariyoo ammoo bara 2010 keessa Solooloo,Keenyaa qaban.

“Galgala mana kiyyaa na qaban. Poolisi Keenyaatti na qabe yoosuma Itoophiyaatti na kenne.”

Akka Liiban jedhetti yoo qaraa qaban kaambii waraana Itoophiyaa Mooyyale jirtu Fulleessa jedhanitti hidhanii achii Finfineetti dabarsanii fulaa akka akkaatti hidhamee hidhaa ganna hedduutiin duubatti eegee Qaallittii bahe.

Silaa akka aadoyyee oduu irraa fuuna jennee bilbili jidduutti citee seenuu dide. Itoophiyaa barana nama kuma hedduutti hidhaa bahe

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG