Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Aartiin jaalala,gammachuu,waraana.Miira keenna hunda keessa jira, kennaa waaqni na keessa kaa'tti jira kanaaf lallaba, kanaaf iyya”


Abdoo Badhaasoo waan waaqi naa kennetti jiraa jedhee diqqeennaanuu sirbatti seene sirba 50 caala lafaa qaba

"Waan waaqni na keessa kaahetti jira kanaaf waahee saba kiyyaatiif iyya,lallaba"
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:53 0:00

Abdo Badhaasoo, ijoollee Oromoo dhiphuu fi bal’inna saba isaanii sirbaan adudnyaatti lallabuutti jiran keessaa nama tokko.

Gaafa kutaa 5 jiru baandii Jiituu ta Finfinnee jirtutti daramee sirbaa oli guddachaa dhufe.Haga ammaatti sirba 50 oli lafaa qabaa jedha.

“Kennaa waaqii na keessa kaahe sabaatti himuutit jira.”

Abdoon ijoollee baaddiyaati. Baaddiyuma godina Shawaa Bahaa lafa akka Liiban Cuqqaalaa,Fantaallee,Boosettii fi fulaa hedduu keessa horii tissaa horii faarsaa qoonqoo cirachaa,qooqoo qarachaa oli guddate.

"Hoo gaarroo gaarrolee hoo.. hoo gaariin loonuma hoo addaa jalaa haali muree… gaafa dhalan waaqni furee hoo…eessa tiskseen si oolchitee hoo gaarolee..." fa jedhee horii faarsaa bahe.

Qoonqoo baaddiyaa keessatti cirachaa,qarachaa dhufeen tana ammoo bara 1998 keessa microphone irratti sirbaaf gadi lakkise. Sirba innii afaaniin baqaffate keessaa ka qaraa sirba Irreechaati.

‘Ka’ii malkaa buunaa rabbii kadhannaa…been tulluu yaanaa rabbi kadhaannaa…kana duudhaan Oromoo oli kah'i iirreessaa qabannaa”

Sirba isaan beekan gugurdaa keessaa ka dhibiin "Alagaa maantu abdata" jedha.

Walaloo sirba kanaa keessaa:

Yoo rakkatte ati keennaan buli nu maal dhanbee keetitti bullaa...keenyatti bullaa

Keenyayyuu nurraa lafatti hafeeti.Oroma soora ofi irra jirra

Rakku nuu beeloftu nuu beelaa nurraa baatee nurra nyaatee diina nutti taatI

Siin hin buqqahuu si buqqisaa malee

Nyaadhi buli waan argatte garaatti jedha

Madaa Qubaa—Madaan qubaa abbaa gubaa kana ammoo bara Master plan keessa baase. Abdoon gaafasitti barataa yuniversitii Finfinnee damee doktorummaa ganna tokkeessoo barata.

Abbaa Dhibbaa

Rooroo Alagaa

Dimbilaal too

Abdoon mammaassaan sirba:

Adoo kanniisi jiruu bookeen damma hin nyaattu

Aadoo nyeencii jiruu waraabessii hin aadu

Sirba “ Abbaa Dhibbaa” ka akka Abdoon jedhutti namii hedduun jaalateef keesattiu "hunduu ni baataa abbaa dhibbaa.... walitti duudee ufi eegaa sirbaa,” jedha.

Abdoon baandii keessatti qoonqoo qarachaa oli guddate.Baandiin innii keesstti guddate baandii Jiituu
Abdoon baandii keessatti qoonqoo qarachaa oli guddate.Baandiin innii keesstti guddate baandii Jiituu

​Abdoon diqqeennaanuu sirbatti seene. Akka inni jedhetti walaloollee guddoo barreessaa. Daballee tahee sirbee,foollee tahee sirbee sirbaan gudate.

“Abbaan kiyya yeroo yaa’ii luba,foollee fi dabballee deemu na fuudhee deema.”

Abdoon waan Oromoon keessa jirtu dhiphuu fi bali’anna isii sirbaaf.Naannoon ani keessatti guddadhalleen sirbaan na jajjabeessite jedha.

Abdoon ganna diqqaa jalqabee sirbaa ganna 17n dabran sirbumatti jira. Maanti akkana si sirbisiisa jennaan.

"Ummatii keessaa dhalannee ummata bal’aa demokiraasiin bulu. Ummata seenaan bal’aa tahe.Ummata kana irraa eegi dhaladhee uu..jennee seenaa kennaa addunyaatit beeksisu malle.Gabrummaa abbootiin teenna dhaalanii ilmaan keennatti dabarsuu hin qamnu. Aadaa fi duudhaa haa dhalachiftu kanaaf iyya.”

Bara 1990 wayii ka Abdoon baandii Jiituu Finfinnee jirtutti dabalame.Bara sun keessaa baandii Oromo hedduu gadi babbahan keessaa Baandi Biiftuu Oromiyaa, Odaa Nabee ,Baandi Arsii fi Shanan Gadaa.

Aartiin Abdoof jaalala. “Aartiin anaaf fedhii, gammachuu, waraana waan hunda. Miira keenna keessa jiru eddoo hunda jira.

Abdoon qaraayyuu ganna 17 sirbaa bahe ammallee barahcaa sirba. “ Hanga kaayoon kiyya galma geettutti hinuma sirba.Hinuma iyya.”

Waan gaafadhu fixee jennaan ammoo sirba isaa keessaa “ Abbaa Dhibbaa” irra naa kaahi jedhe.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG