Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattonni Yunivarsitii Madda Walaabuu fi Haroomaayaa Keessaa Hidhaa Keessa Turan Maal Jedhu ?


Guyyoota darban lama keessatti dargaggonni Oromoo Kudhan mana hidhaa Qaallittii fi Qilinxoo keessaa gadhifamanii jiran. Barataa Yunivarsitii Haromaayaa kan ture Nimoonaa Urgeessaa ajjechaa mooraa Yunivarsitii sana keessatti dhaqqabeef sababaa nu gochuuf jecha nu hidhan jedha.

Gama kaaniin barataa barnoota Injinariing waggaa arfaffaa Yunivarsitii Madda walaabuu ka ta’e Tokkummaa Mullisaa akka ibseetti barataan tokko polisoonni reebaa ituu jiranii dunaan isintu itti gaafatama jechuun ragaa tokko malee nu hidhan jedha.

Kanneen gadhiifaman kana keessa barattoota yunivarsitii Madda Walaabuu saddeetu jira.Dargaggoo Qajeelaa Galaanaa Roobii darbee Nimoonaa Urgeessaa wajjiin gadhiifame.

Gaaffii fi Deebii barataa Nimoonaa Urgeessaa fi barataa Tokkummaa Mullisaa waliin gaggeeffame guutummaatti caqasaa.

Barattonni Yunivarsitii Haroomaayaa fi Madda Walaabuu Keessaa Hidhaa Keessa Turan Maal Jedhu ?
please wait

No media source currently available

0:00 0:19:09 0:00

XS
SM
MD
LG