Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ol Aantummaa Adii Balaaleffatan Malee Traamp Nu Hin Daawwatan: Miseensota Waldaa warra Juushii


Prezidaant Traamp ennaa isaan Pittsburgiin daawwachuuf har’a deemanitti hoogganoonni Juushotaa hangi tokko hamma isaan ol aantummaa warren adii balaaleffatanitti gamas akka hin dhufne jechuun ittisan. Traamp biyyatii keessatti aariin gara dhukaasa sanaatti geessu akka belbelu kan godhe sabaa himaalee dha jechuun qeeqan.

Traamp waldaa warra Juushii Pittsburgh keessatti haleellaa dhukaasaa kan namoota 11 galaafatee poolisii dabalatee kanneen biro ja’a madeesse balaaleffataniiru.

Lubbi waldichaa kaleessa haasaa dhageessisaniin maaltu gocha jibbiinsaa kana akka kakaase dubbataniiru.

Akka hoogganaatti ennaa jecha jibbiinsaa dubbattu, uummati martinuu akka dubbatuuf eeyama kennitaaf. Akkasitti dubbachuun gaarii dhaa, uummata akkasitti ilaaluun gaarii dhaa? Deebiin koo miti ka jedhu.

Bulchaan Pittsburgh Bill Peduto akka jedhanitti gaaffii maatii kanneen miidhaan irra ga’eetiin prezidaantichi hanga guyyaa har’aa sirni awwaalchaa raawwatamutti gamas akka hin daawwanne yaadachiisaniiru. Dhaabi nageenyaa amma iyyuu dhukasa sana booda haala jiru qorataa jiran.

Lubi waldaa Juushotaa daawwannaa Traamp simataniiru, hoogganoonni Juushotaa kanneen Pittsburgh keessaa hangi tokko garuu xalayaa erganiin Traamp hanga ol aantummaa warren adii balaaleffatanitti magaalattii akka hin daawwanne gaafatan.

Miseensonni waldattiis kan isaan jedhan xalayaan barreeffame waan nuttis dhaga’amu waan ta’eef waan sirrii dha jedhan. gaarii nuu hawwuu isaaniis ta’e isiniin yaada jechuu isaanii hin barbaannu jedhan.

Shakkamaan dhukaasa sana raawwate Rober Bowers poolisii dhaan yeroo sadii kan itti dhukaafame yoo ta’u ajjeechaa fi himannaa irratti dhiyaateef jecha yeroo jalqabaaf kaleessa mana murtiitti dhiyaatee jira.

Ol Aantummaa Adii Balaaleffatan Malee Traamp Nu Hin Daawwatan: Miseensota Waldaa warra Juushii
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:07 0:00

XS
SM
MD
LG