Xurree ittiin seenan

Breaking News

VOA Afaan Oromoo Hagam Beektu?


VOA Afaan Oromoo Hagam Beektu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:33 0:00
Bara 1996 jalqaba yoo hundaawu dambalii raadiyootiin, waggoota dhiyoo as ammo Interneetii fi saba himaalee hawaasaa irratti odeeffannoo waa’ee dhimmoota adda addaa isiniin gaha; VOA, Afaan Oromoo.

Raadiyoon Sagalee Ameerikaa Kutaan Afaan Oromoo erga hundaayee gara ganna 22ti; kutaan kuni turmaata haga yoonaa keessatti bu’aa bayii hedduu keessa darbeera.

Tizzitaa Balaachoo Gaazexeessitoota jalqaba yoo VOA’n Afaan Oromoo hundaawu turan keessaa ishee tokkodha. Isheenis yoo dubbattu, jalqaba VOA’n Afaanota Itiyoophiyaa keessaa Afaan Amaaraatiin tamsaasa qaba ture. Mootummaan ‘IHAADEG’ erga biyya qabateen booda dhiibbaa gochaa tureen VOA’n kutaa Afaan Amaaraa cufamuuf yoo jedhu Deevid Bork, miseensi hooggantoota olaanaarra ture garuu dhiibbaa kana dura dhaabbachuun, VOA’n Afaan Amaaraa dhaggeeffatoota hedduu waan qabuuf, Afaanota lama ka Itiyoophiyaa fi Eertiraa keessatti dubbataman Afaan Tigree akkasumas biyya keessaa ammo AFaan Oromoon itti dabalamee qophiin kun akka itti fufu murteesse.
XS
SM
MD
LG