Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Jijjiirama Argame Gufachiisuuf Halkanii fi Guyyaa Dhama’anillee Ni jiru Jedhu Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa


Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti, Sadaasa 9 fi 10, ka Finfinneetti geggessamee ture – korri hatatattamaa hoogganoota biyyoota Gamtaa Afrikaa, nagaa fi milkaa’inaan xumuramuu isaa kan ibsan – muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. Abiyyi Ahimed, mikaa’ina kanaaf immoo uummata Itiyoophiyaa, keessumaa immoo uummata magaalaa Finfinnee galateeffachuudhaan, aadaan keessuummaa simachuu uummata Itiyoophiyaa ka deebi’ee itti mirkanaa’e tahuu hubachiisan.

Hattummaa fi dhiittaa mirga dhala-namaatiin kanneen shakkaman – aangawoonni ol’aanoon raayyaa waraanaa fi tika nagaa irratti tarkaanfii to’annaa jala oolchuu fudhatame illee ka dubbatan – muummichi ministaraa Abiyyi Ahimed, knaan wal-qabatee gidduu kana eegumsi cimuu isaallee ibsa isaanii keessatti eeranii jiran.

Uummatni jijjiirama fiduuf akkuma halkanii fi guyyaa tattaafatu, gama biraan – kanneen jijjiiramicha gufachiisuuf jecha halkanii fi guyyaa dhama’an - qaamonni hammeenyaa jiraachuun kan eenyu jalaayyuu dhokate miti - jechuudhanii, sababaan eegumsa gidduu kanaa cimes kanaaf akka tahe hubachiisan.

“Gufuu uumanii, bifa biyya keenyaa akka balleessan gonkumaa carraa hin kenninuuf “ – jechuun ibsanii jiru.

XS
SM
MD
LG