Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Al-Shabaab Duraanii Moqaadishoo Keessatti To’annaa Jala Oole


Itti aanaan garee al-shabab duraanii Somaaliyaa gama kibbaa keessatti to’annaa jala ooluun walitti bu’iinsa humnootii mootummaa fi deggertoota isaa gidduutti kaasisiseen namoonni saddeeti du’anii jiran.

Angawoonni maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan akka jedhanitti kan Abu Mansoor jedhamuun beekamu Mukgtar Robow mana mootummaa Baidoa keessatti wal ga’iif waamamee battala to’annaa jala oolfame.

Bilbilli Baaidoa keessaa deggertoonni Robow mormiif daandiitti waan ba’aniif jecha yeroo gabaabaaf addaan cite ture.

Milishoonni Robow fi deggertoonni isaa loltooa Itiyoophiyaa kanneen mana mootummaa sanaaf eegumsa godhan waliin walitti bu’uu dhaan namoonni saddeeti du’anii kanneen 10 ol ta’an madaa’uu kanneen ijaan argan VOA sagantaa Afaan Somaaleef ibsaniiru.

Seera tumtoota Somaalee keessaa tokko VOAf akka ibsanitti mootummaan humnoota Itiyoophiyaa fayyadamuu dhaan Robow to’annaa jala oolchuu isaa qeeqanii jiru.

XS
SM
MD
LG