Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaan ispoortii akkaabsachaa ykn deemmaan wal dorgoman nama kuma hedduu itti yaamtee kopheessuutti jirti


Biyyitii hedduun ispoortii akkaabsachaa ykn deemaa wal dorgoman fayyaa nafa namaatii faaydaa qabdiif jaalatan

Dorgommiin deemmaa ykn akkaabsachaa wal dorgoman ispoortii biyya hedduutti beekan.

Akka ogeeyyotii fayyaa jdhanitti miilaan deemuu amaleeffachuun

  • Hidda dhiiga onneetii fi dhiiga sombaa namaa diriirisiti
  • Dhiba onnee diqqeessiti
  • Hidda dhiigaa gabbachuu dhoorti
  • Dhiba sukkaarii diqqeessiti
  • Lafee jabeessiti

Akka itti aanaan koomishineera koomishiinii ispoortii Oromiyaa,Fissihaa G/Masqal jedhetti Itoophiyaan armaan dura dorgommii akkanaa marroo 1-2 Finfinneetti qopheessite

Qilleensii lafaa jijjiiramaa deema,makiinaa fi motiirii lafatti heddattee namii akka obboo Fissihaan jedhetti namii miilaan yaa’uu diqqeeffachuutti jira.

Akka namii miilaan yaahuu hin dhiifne tolchhuf karaa makiinaa irratti ispoortii nama cufaa(mass sport) namii kuma 10,000 itti walti dhufee miilaan yaa’ee nafa diriirfatu qopheessutti jiran jedha obboo Fissihaan.

Akkuma kanaan akka henna Itoophiyaa,Ammajii 5,2011 irratti magaallan Oromiyaa ta akka Adaamaa,Bishooftuu,Jimmaa,Amboo,Laga Xaafoo,Laga Daadhii, Naqamtee, Sabbataa, Buraayyuu faatii dorgommii akkanaa km 5 qopheessanii saatii 2tti jalqaban.

Federeshiinii Ispoortii Itoophiyaa akka Itti aanaan Koomishineeraa jedhetti akka dorgommii akkanaa haga aanaatti gadi buutee biyya barsiisan fedha.

“Dorgommiin akkanaa qaama cimsee,sammuu qaroomsa,” jedha.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG