Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa Itiyoophiyaa Eeguuf Dammaqinaan Hojjechuu qabna: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed


Guyyaan dubartootaa har’a ennaa kabajamu haasaa kan dhageessisan muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimed dhimmootii yeroo irratti fuuleffatanii jiran.

Ayyaana kabajuuf galma gamtaa Afriikaatti kanneen argaman dubartoota lammiiwwan Itiyoophiyaafis fakkeenya tuquu dhaan waa’ee tokkkummaa biyyaa hin callisinaa jechuun ergaa dabarsanii jiru.

Akka qoosaatti kan nuti ilaallu Itiyoophiyaan hedduun dhiiga isaanii kan jigsaniif, kan madaa’aniif abbootii warraa isaanii fi ijoollee isaanii kan itti dhaban rakkoo cimaa keessa dabartee biyya ijaaramte kan jedhan Abiy Ahimed tokkummaa Itiyoophiyaaf waliin taanee haa hojjennu jedhan.

Haasaa isaanii keessatti Dr. Abiy waa’ee Finfinnees kaasaniiru.

Finfinneen kanneen keessa jiraatan qofaa utuu hin taane dandeetti kanneen biroo baatu akka qabaattu goonee yoo uumne male martinuu kan walitti nu qabu utuu hin taane kan addaan nu facaasu ta’ee akkuma facaafneen yoo hafe immoo deebisanii ijaaruun rakkisaa fi dhalootaaf ba’aa ta’uu hubachuu qabna jedhan.

Keessumaa dubartoonni Itiyoophiyaa ijoolleen isaanii biyattii akka eeganiif akka guddisan dammaqanii akka hojjetan gaafataniiru.

XS
SM
MD
LG