Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manneen Waliinii Bulchiinsa Finfinneetiin Rabsaman Mormii Kaasisan


Manneen jireenyaa waliinii, Finfinnee (Faayilii)
Manneen jireenyaa waliinii, Finfinnee (Faayilii)

Ijaarsa maneen waliinii Oromiyaa keessaa bulchiinsi Finffinee kalessa carraa itti baaseen wal qabatee mormiin naannoo Oromiyaa akka haarawatti eegale hardhas bakka garagaraatti dhagayamaa oole jira.

Mormitoonis maastar pilaaniin akka haaratti ummata Oromoo irratti eegalame haa dhaabatu jedhan. Bulchinsi Magaala Finffinee gama isaatiin qonaan bultooni buqqa'an maneen kana keessaa carraa malee akka kennamuuf dubbatee jira.

Karaa biraatiin dhimma kanaan laalchise ibissi Mootummaan Naannoo Oromiyaa Kamisa harraa baasee, "dhimmi daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa gidduu jiru furmaata waaraa hamma argatutti manneen jireenyaa daangaa Oromiyaa darbanii ijaaramanii fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii irratti dhiyeessaa jiru fala otoo hin argatin fayyadamtootaaf carraadhaan dabarsuun sirrii akka hin taanee mootummaan Naannoo Oromiyaa ni amana." jedha.

Muktaar Jamaal dabala qaba

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:22 0:00

XS
SM
MD
LG