Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gidiraa Hamaa Kan Afaaniin Dubbachuu Hin Dandeenyeetu Abbaakoo Irra Ga’e: Dajanee Qansaasaa Raggaasaa


Barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa du'an boqatan 
Barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa du'an boqatan 

Yeroo adda addaatti hidhamaa kan turan Barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa mana hidhaa Qilinxoo keessaa gadhifamanii ituu waggaa hin guutiin Kibxata Bitooteessa 5 bara 2019 du’an boqotanii jiru.Abbaa ijoollee shanii, yunivarsitii Finfinnee irraa barnoota seenaan digrii duraa kan argatanii fi waggootii 33f barsiisaa kan turan obbo Qanaasaan Umriin isaanii 55 ta’u ibsamee jira.

Akka lakkobsa Itiyoophiyaatti yeroo dhumaaf waggaa 3 dura jechuun bara 2008 keessa Godiina Wallaggaa bahaa magaalaa sibuu siree irraa kan qabaman Barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa mana hidhaa keessatti dararaa irra ga’een kan ka’e qaamii isaanii guutuummaatti laamsha’ee, waa dubbachuu fi midhaan nyaachu erga dadhabanii booda du’an boqotan jedhu maatiin.

Erga hidhaa gadhiifamanii booda gara Hospitaalaa adda addaa geeffaman iyyu dhukkubichi jalqaba wal’ansa ituu hin argatiin waan tureef jecha fayyisuu dadhabamu ogeessonni fayyaa nutti himanii jiru jedhu maatiin.

Abukaatoo barsiisaa Qanaasaa kan turan obbo Wandimmuu Ibsaa ammaan dura raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanti sababa dhukkubsachuu isaan Barsiisaaa Qanaasaan dhaddacha duratti hin dhiyaatu ture. Manni murtii meerre jedhee yeroo gaafatu manni hidhaa ni dhukkubsata jechuun deebii akka kennaa ture ibsan.

Sirnii awwaalcha Barsisaa Qanaasaa Raggaasaa har’a Magaalaa Siree keessatti gaggeeffamee jira.

Maatiin akkasumas kanneen Barsiisaa Qanaasaa waliin hidhamanii turan maal jedhu?

Gabaasa Guutuu Caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:16:20 0:00

XS
SM
MD
LG